1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe

عَنْ زَيْدِ بْنِ ثَابِتٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ:
تَسَحَّرْنَا مَعَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، ثُمَّ قَامَ إِلَى الصَّلاةِ، قُلْتُ: كَمْ كَانَ بَيْنَ الأَذَانِ وَالسَّحُورِ؟ قَالَ: قَدْرُ خَمْسِينَ آيَةً.

Zayd ibnu Saabit irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 1921

Ibsa

Sahaabaan gariin -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- suhuura godhanii, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata fajrii salaatuuf jecha dhaabbatani. Anas Zaydiin akkas jedhe: -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- yeroon azaanaa fi suhuura xumuruu gidduu ture hangam ture? Zaydis -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: hanga Aayaa shantama giddu galeessa ta'eeti, dheeraas gabaabaas kan hin taane, dubbisa ariitii fi suuta dubbifamus kan hin taane.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Hanga fajrii dura waa xiqqootti suhuurii tursuun irra caalaa ta'uu isaa; yoo booda aanse qaamni akka jabaa isa irraa fayyadama, guyyaa keessas hedduu isa fayyada waan ta'eef jecha.
  2. Bolola sahaabonni nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barachuuf jecha isaaniin wolitti qabamuuf qabaniidha.
  3. Woliin jireenya bareedaa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota isaanii woliin qabaniidha, isaan woliin waan nyaataa turaniif jecha.
  4. Yeroon waan soomana hiiku irraa of qabanu yeroo fajriin ba'u.
  5. Jechi isaa: "azaana fi suhuura gidduun hangam ture" jedhu, kani itti fedhame suhuurii fi iqaamaa gidduudha; jecha isaanii hadiisa biraa keessatti: "suhuurii isaanii raawwatanii salaatatti seenuu isaanii gidduu hangam ture" jedhuuf jecha. hadiisonni gariin isaanii garii isaanii hiika.
  6. Muhallab akkas jedhe: hojii qaamaatiin yeroo lakkaa'uutu keessa jira, Araboonni hojiidhaan yeroo lakkaa'u ture, akka jecha isaanii: hanga re'een elmamtu, hanga gaalli gorra'amu, zayd ibnu Saabit -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- sana irraa hanga dubbisaatiin lakkaa'uutti kan inni deebi'eef; yeroon sun yeroo ibaadaa fi qaraatii akka ta'e itti akeekuuf jecha, hojiin alatti waan biraatiin lakka'uu osoo ta;ee silaa fakkeenyaaf akkana jedha ture: hanga sadarkaa, yookaan tokko sadaffaa yookaan tokko shanaffaa.
  7. Ibnu Abii Jamraan akkas jedha: waan ummata isaanitti irra laafu ilaalanii hojjatu turani -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo suhuura hin goone turee isaan hordofanii jennaan garii isaanitti waan jabaatuuf jecha, halkan wolakkaa keessa osoo suhuurii godhaniiru ta'ee sunis garii isaanii irratti ni jabaata, namoota hirribni isaan injifatu irraa, kun immoo gara salaata subhii dhiisuutti geessuutu mala yookaan hirriba malee buluuf qabsaa'uutti geessuutu mala.

Hiikkaawwan dhiheessuu

46 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
NE नेपाली النيبالية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية