+ -

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمنينَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا زَوْجِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ يَعْتَكِفُ العَشْرَ الأَوَاخِرَ مِنْ رَمَضَانَ، حَتَّى تَوَفَّاهُ اللَّهُ، ثُمَّ اعْتَكَفَ أَزْوَاجُهُ مِنْ بَعْدِهِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2026]
المزيــد ...

Aa'ishaa haadha Mu'umintootaa haadha manaa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan taate irraa akka odeeffametti -Rabbi ishee irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2026]

Ibsaa

Haati Mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa halkan qadrii(halkan sadarkaa qabdu) barbaachuuf jecha haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa akka turan himte, hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti haala kana irratti itti fufani, haadholiin manaa isaaniis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- boooda isaaniitii haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa turani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Masjiidota keessatti i'itikaafa seenuun karaa godhamuu isaa, dubartootaafillee akkasuma ulaagaa shari'aa haala eeggatee fi ulaagaa fitnaan aragamuu dhabuun amanameen.
  2. Ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa i'itikaafa seenuun akkaan kan jabeeffamu ta'uudha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaabbataan waan irra turaniif.
  3. I'itikaafni sunnaa itti fufaa kan hin haqamneedha, booda isaaniitii haadholiin manaa isaanii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- i'itikaafa seenaa waan turaniif jecha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii asaamiiffaa suweydiffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa daryaffaa roomaniyaffaa majriffaa الموري kanadiffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani
dabaltii