+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ قَتَلَ مُعَاهَدًا ‌لَمْ ‌يَرَحْ ‌رَائِحَةَ الْجَنَّةِ، وَإِنَّ رِيحَهَا تُوجَدُ مِنْ مَسِيرَةِ أَرْبَعِينَ عَامًا».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 3166]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan:
"Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 3166]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa haa jiraatu- nama nama walii galtee muslimtoota waliin qabu ajjeesse -innis kaafiroota irraa walii galtee nageenyatiin nama gara biyya islaamaa dhufe- urgooftuu jannataa arguu dhabuun doorsisni cimaan akka isa irra jiru ibsan, urgaan jannataa fageenya imala waggaa afurtamaa irraa akka dhahuus dubbataniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kaafiroota irraa mu'aahad, zimmiyyii fi musta'aman ajjeesuun haraama yoo ta'u, innis diliiwwan gurguddoo irraa akka ta'eedha.
  2. Mu'aahad jechuun: Nama kaafiroota irraa walii galteen irraa fuudhamee biyya isaa keessa jiraatu, kan Muslimootan hin lolle, isaanis isaan kan hin lolleedha.
  3. Zimmiyyii jechuun: Jechuun nama biyya muslimoota keessa qubatee gibira kaffalaa jiraatuu dha.
  4. Musta'aman jechuun: nama yeroo murtaa’eef walii galtee nageenyatiin biyya muslimootaa seeneedha.
  5. Namoota Muslima hin taane waliin walii galtee diiguu/ganuu irraa akeekkachiisuudha.
dabaltii