عن أنس رضي الله عنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«جَاهِدُوا المشركين بأموالكم وأنفسكم وألسنتكم».

[صحيح] - [رواه أبو داود والنسائي وأحمد] - [سنن أبي داود: 2504]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Qabeenya keessaniin, lubbuu keessaniinii fi arraba keessaniin mushrikootatti duulaa».

[sirrii] - [رواه أبو داود والنسائي وأحمد] - [Sunana abbaa daawud - 2504]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahanni irra haa jiraatu- kaafirootatti duulutti ajajan, akkasumas karaa danda’ame hundaan akka sagaleen Rabbii ol tahuuf carraaqqii gochuutti ajajan, sana keessaa:
Tokkoffaa: Isaanitti duuluu keessatti baasii qabeenya baasuu; meeshaa waraanaa bitachuu, warra qabsaa'u irratti baasii baasuu fi kan kana fakkaataniin.
Lammaffaa: isaan qunnamuu fi isaan ofirraa ittisuuf jecha ubbuu fi qaaman bahuudha.
Sadaffaa: Afaaniin gara amantii kanaatti isaan waamuudha, akkasumas ragaa isaan irratti dhaabuu, isaan ceephessuu fi isaan irratti deebisuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Lubbuu, qabeenya, arraba ofiitiin mushrikoota irratti duuluu jajjabeessuudha, hunduu akkaataa dandeettii isaatin, Jihaadni lubbuun loluu qofa irratti hin dhaabbatuudha.
  2. Ajajni jihaadaa ajaja dirqamaati, yeroo tokko tokko nama hunda irratti dirqama ta'u danda'a, yeroo tokko tokko dirqama waliinii ta’uu danda’a.
  3. Rabbiin sababoota hedduudhaaf jihaada karaa godhe, san keessaa: Shirkii fi mushrikootatti qabsaa'uudha, sababni isaas Rabbiin tasumaa shirkii hin qeebalu waan ta'eef jecha. Lammaffaa: Gufuuwwan karaa gara Rabbitti waamuu namatti cufan deemsisuudha. Sadaffaa: Aqiidaa waan ishee faallessu hunda irraa eeguudha. Afraffaa: Muslimoota, biyya isaanii, kabaja isaanii, fi qabeenya isaanii irraa ittisuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa dabaltii (46)
dabaltii