1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii

عَنْ عَبْدُ اللَّهِ بْنُ سَلَامٍ رضي الله عنه قَالَ: لَمَّا قَدِمَ النَّبِيُّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الْمَدِينَةَ انْجَفَلَ النَّاسُ قِبَلَهُ، وَقِيلَ: قَدِمَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، قَدِمَ رَسُولُ اللَّهِ، قَدِمَ رَسُولُ اللَّهِ، ثَلَاثًا، فَجِئْتُ فِي النَّاسِ لِأَنْظُرَ، فَلَمَّا تَبَيَّنْتُ وَجْهَهُ، عَرَفْتُ أَنَّ وَجْهَهُ لَيْسَ بِوَجْهِ كَذَّابٍ، فَكَانَ أَوَّلُ شَيْءٍ سَمِعْتُهُ تَكَلَّمَ بِهِ أَنْ قَالَ:
«يَا أَيُّهَا النَّاسُ، أَفْشُوا السَّلَامَ، وَأَطْعِمُوا الطَّعَامَ، وَصِلُوا الْأَرْحَامَ، وَصَلُّوا بِاللَّيْلِ وَالنَّاسُ نِيَامٌ، تَدْخُلُوا الْجَنَّةَ بِسَلَامٍ».

Abdullaah ibnu salaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaa dhufanitti namoonni ariifatanii gara isaaniitti deemuun akkas jedhame: ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, yeroo sadi, ani eegasii isaan laaluuf jecha gara namootaatti dhufe, yeroon fuula isaanii argetti, fuulli isaanii akka fuula sobaa hin taanen bare, jalqaba wonti ani isaanii dubbatu dhaga'e akkas jechuu isaaniiti:
«Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».

sirrii tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan sunana ibnu maajah - 3251

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaatti dhufanittti, namoonni isaan arguun ariifatanii gara isaaniitti qajeelani, namoota gara isaaniitti qajeelan keessaa Abdullaah ibnu salaamtu ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- inni worra yahuudaa irraa ture, yeroo isaan argetti fuulli isaanii akka fuula nama sobuu hin taane bare; ifa, bareedinaa fi namummaa dhugaa isaan irraa mul'atuuf jecha. jalqaba wonti inni nabiyyii irraa dhaga'ee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiiwwan jannata seenuuf sababa ta'anitti namoota kakaasuu isaaniiti, isaan keessaas:
Inni jalqabaa: nama beektuu fi hin beekne irratti salaamataa facaasuu, isa mul'isuu fi isa heddummeessuudha.
lammaffaan: sadaqaa, kennaa fi keessummeessaan nyaata nyaachisuudha.
Sadaffaan: nama firummaan karaa abbaatiin yookaan karaa haadhaatiin wolitti si hiitu woliin firooma fufuudha.
Afraffaan: yeroo namni rafutti salaata sunnaa halkanii salaatuudha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Kabajaa salaamataa gidduu muslimootaatti facaasuun jaalatamaa ta'uudha, namni muslima hin taane immoo salaamataan hin eegalamu, yoo Assalaamu alaykum kan jedhu ta'e immoo, wa'alaykum jechuun isatti deebifama.

Hiikkaawwan dhiheessuu

52 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية