+ -

عَنْ أَبِي مُوسَى الأَشْعَرِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
أَتَيْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي رَهْطٍ مِنَ الأَشْعَرِيِّينَ أَسْتَحْمِلُهُ، فَقَالَ: «وَاللَّهِ لاَ أَحْمِلُكُمْ، مَا عِنْدِي مَا أَحْمِلُكُمْ» ثُمَّ لَبِثْنَا مَا شَاءَ اللَّهُ فَأُتِيَ بِإِبِلٍ، فَأَمَرَ لَنَا بِثَلاَثَةِ ذَوْدٍ، فَلَمَّا انْطَلَقْنَا قَالَ بَعْضُنَا لِبَعْضٍ: لاَ يُبَارِكُ اللَّهُ لَنَا، أَتَيْنَا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ نَسْتَحْمِلُهُ فَحَلَفَ أَنْ لاَ يَحْمِلَنَا فَحَمَلَنَا، فَقَالَ أَبُو مُوسَى: فَأَتَيْنَا النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَذَكَرْنَا ذَلِكَ لَهُ، فَقَالَ: «مَا أَنَا حَمَلْتُكُمْ، بَلِ اللَّهُ حَمَلَكُمْ، إِنِّي وَاللَّهِ -إِنْ شَاءَ اللَّهُ- لا أَحْلِفُ عَلَى يَمِينٍ، فَأَرَى غَيْرَهَا خَيْرًا مِنْهَا، إِلَّا كَفَّرْتُ عَنْ يَمِينِي، وَأَتَيْتُ الَّذِي هُوَ خَيْرٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6718]
المزيــد ...

abuu muusaa al-ash'arii irra akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
tuuta ash'ariyyoota irraa ta'anii woliin gara jihaadaatti geejjiba akka nuuf godhaniif jecha, gara ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufe, isaanis ni jedhani: «Rabbiinan kakadha isin hin geejjibu, waan ittiin isin geejjibu hin qabu» hanga Rabbiin fedhe eega turree, gaalonni wohii isaaniif fidamee jennaan, gaala sadi nuuf ajajani, erga deemsa eegallee gariin keenya garii keenyan akkas jedhe: Rabbiin barakaa keessa nuuf hin kaa'u, akka nu geejjibaniif jecha ergamaa Rabbiitti dhufnee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isin hin geejjibu jedhanii booda kakataniitii waan nu geejjibaniif, abuu muusaanis ni jedhe: gara nabiyyiitti dhufnee waan sana isaanitti himnee jennaan akkas jedhani: «Anaa miti kan isin geejjibe, Rabbiti isin geejjibe malee, ani Rabbiinan kakadha -yoo Rabbi jedhe- ani waan wohii irratti kakadhee, wanti biraa irra caalaa ta'uun yoo natti mul'ate, kakaa koo irraa kaffaaraa baasee, isa irraa caalaa ta'e raawwadhu malee hin dhiisu».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6718]

Ibsaa

abuu muusaa al-ash'ariin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- tuuta gosa isaa irraa ta'anii woliin gara ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka dhufe hima, dhimmi isaanii nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaala yaabbatan akka isaaniif keennaniif ture; jihaada irratti hirmaachuu akka danda'aniif jecha, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ittiin isaan geejjiban waan hin qabneef akka isaan hin geejjibne kakatani, deebi'anii hanga ta'e wohii taa'anii eegasii nabiyyiidhaaf -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaalonni sadi wohii dhufnaan jaraaf ergani, gariin isaanii garii isaaniitiin akkas jedhani: Rabbiin gaalota nuuf kennaman kanatti barakaa nuuf hin godhu; waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isin hin geejjibu jedhanii kakatanii turaniif, eegasii gara isaanitti dhufanii isaan gaafatanii jennaan, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniin: kan isin geejjibe Rabbii ol ta'e; isatu qajeelchee kenne waan ta'eef, ani sababaa ta'ee sun harka koo irratti argamuu qofa. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: ani yoo Rabbi jedhe waan tokko nan hojjadha yookaan nan dhiisa jedhee boodan irratti kakadhee wanti sana malee jiru irra caalaa fi irra gaarii ta'uu yoo natti mul'ate, isa irra caalaa fi irra gaarii ta'e sana hojjadhee kan irratti kakadhe sana immoo dhiisuun, kakaa kootiif kaffaaraa baasu malee hin dhiisu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa daryaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. si kakachiisuun maletti kakachuun eeyyamamaa ta'uu isaa; oduu mirkaneessuuf jecha yoo kan fuulduratti ta'u ta'ellee.
  2. booda kakaatii inshaa Allaah(yoo Rabbi jedhe) jecha jedhuun rarraasuun eeyyamamaa ta'uu isaa, feedhii Rabbiitti rarraasuu kana kakaa woliin yoo niyyatee, kakaadhaan kan wolitti hidhate ta'e, nama kakate irratti kakaa isaatiif kaffaaraan dirqama hin ta'uudha.
  3. yoo waan tokko irratti kakatee ka'ee waan biraa kan isa irra caalu arge isa irratti kakate dhiisee isa irra caalaa hojjachuutti kakaasuutu keessa jira, kakaa isaatiif immoo kaffaaraa baasa.