+ -

عَنِ ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما:
عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ نَهَى عَنِ النَّذْرِ، وَقَالَ: «إِنَّهُ لَا يَأْتِي بِخَيْرٍ، وَإِنَّمَا يُسْتَخْرَجُ بِهِ مِنَ الْبَخِيلِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1639]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-:
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1639]

Ibsaa

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorgani, nazrii jechuun: ilmi namaa waan shari'aan dirqama isa irratti hin taasifne ofirratti dirqama taasisuudha, akkasumas nazriin waan tokko as butuu fi achi butuu hin danda'u jedhani, bu'aan isaa dogna isa waan Rabbiin dirqama irratti taasise malee waan biraa hin baafne harkaa ittii waa baasuu qofa, nazriin waan Rabbiin sila isaaf hin murteessine homaa isaaf fiduu hin danda'u.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa daryaffaa HSomaaliffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. nazrii seenuun karaa hin godhamne, garuu yoo kan nazare ta'e isa guutuun dirqama isa irratti ta'a badii kan hin taane yoo ta'e.
  2. sababni dhorgameef (inni khayrii hin fidu waan ta'eefi); sababni isaas inni murtoo Rabbii irraa homaa hin deebisu; akka namni nazrii seene sababaa nazriitiin waan barbaade argate hin seeneef jecha, Rabbiin ol ta'e sana irraa dureessa.
  3. qurxubiin akkas jedhe: dhoorgaan kun eddoon isaa fakkeenyaf namni tokko akkana jechuudha: yoo Rabbiin dhukkubsataa koo naaf fayyise sadaqaa akkasiitu narra jira, jibbamaa kan ta'eef hojiin dubbatame kan Rabbitti ittiin dhihaatan kun bu'aan dubbatame argamuu irrati kan hundaa'e waan ta'eefi, jalqabuma irraa waan isa irraa argame kanaaf niyyaan Rabbitti ittiin dhihaachuu akka isaaf hin argamne waan mul'ateef, inumaa adeemsa kennanii fudhachuu hordofe, kana immoo ifa kan godhu osoo dhukkubsataan isaa hin fayyine ta'ee waan fayya isaatti rarraase sana hin sadaqatu ture, kun immoo haala dognaati, inni haala bakka buusaan ariifataa ta'e kan yeroo hedduu waan inni baase caaluun yoo ta'e malee qabeenya isaa keessaa homaa hin baasu.