+ -

عَنْ جَرِيرِِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنه قَالَ:
بَايَعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَلَى شَهَادَةِ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلاَةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالسَّمْعِ وَالطَّاعَةِ، وَالنُّصْحِ لِكُلِّ مُسْلِمٍ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2157]
المزيــد ...

Jarir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2157]

Ibsaa

Sahaabichi Jariir bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- wantoota kanneen irratti akka ahdii seene hima: Rabbiin tokkochoomsuu, salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaatti ulaagaa fi ruknowwan, dirqamoota isiiti fi sunnaa isii eeggatee salaatuu, zakaa dirqama tahe kafaluu, isiinis ibaadaa qabeenyaa tan dirqamaati, dureeyyii irraa fuudhamteeti hiyyeeyyii fii namoota biroo kan isii haqa godhataniif kennamti, akkasumas moototaaf tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduudha, innis isa fayyaduu irratti bololuu, kheyrii isatti geessuu fi jechaa fi gochaan hamtuu isa irraa deebisuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa salaataa fi zakaati, isaan lameenuu arkaana islaamaa irraayi.
  2. Barbaachisummaa gidduu muslimootatti waliif gaarii yaaduun qabuudha, hanga sahaabonni Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sana irratti waadaa seenaniifitti, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu.