+ -

عَنْ مُعَاذِ بْنِ جَبَلٍ رضي الله عنه:
أَنَّ رَسُولَ صَلَّى عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَخَذَ بِيَدِهِ، وَقَالَ: «يَا مُعَاذُ، وَاللَّهِ إِنِّي لَأُحِبُّكَ»، فَقَالَ: «أُوصِيكَ يَا مُعَاذُ لَا تَدَعَنَّ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ تَقُولُ: اللَّهُمَّ أَعِنِّي عَلَى ذِكْرِكَ وَشُكْرِكَ وَحُسْنِ عِبَادَتِكَ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والنسائي وأحمد] - [سنن أبي داود: 1522]
المزيــد ...

Mu'aaz bin Jabal irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka isaa qabanii akkas jedhaniin: «Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha», eegasii akkas jedhaniin: «Siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari».

[sirrii] - [abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 1522]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka Mu'aaz -Rabbiin irraa haa jaallatu- qabanii akkas jedhaniin: Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha, ani siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: (Yaa Rabbi si yaadachuu irratti na gargaari) jechaa fi gocha gara kheyritti nama dhiheessu hunda keessatti. (Si galateeffachuu irratti) qananiin argamee balaan deebi'uudhaan. (Akka gaariittis Si gabbaruu irratti) Rabbiif dalagaa qulqulleessuu fi Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hordofuun.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nama tokko akka Rabbiif jecha isa jaalatan itti himuun karaa ta'uudha.
  2. Salaata dirqamaa fi sunnaa hunda boodatti du'aa'ii kana gochuun jaalatamaa tahuudha.
  3. Jechoota muraasa kanaan du'aa'ii godhachuu keessatti addunyaa fi aakhiratti waan barbaadan argachuun akka danda'amuudha.
  4. Faayidaa Rabbiif jecha nama jaalachuun qabu keessaa dhugaa walii dhaamuu, gaarii waliif yaaduu fi karaa haqaa fi sodaa Rabbii irratti wal gargaaruudha.
  5. Xiibiin akkana jedhe: Rabbiin zakkaruun jalqaba gammachuuti, Isa galateeffachuun immoo mala qananii argachuuti, Ibaadaa gaariin immoo isarraa barbaadamaan waan Rabbii ol ta'e irraa nama dagu irraa bilisa ta'uudha.