عَنْ أَنَسٍ رَضيَ اللهُ عنهُ قَالَ:
ضَحَّى النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِكَبْشَيْنِ أَمْلَحَيْنِ أَقْرَنَيْنِ، ذَبَحَهُمَا بِيَدِهِ، وَسَمَّى وَكَبَّرَ، وَوَضَعَ رِجْلَهُ عَلَى صِفَاحِهِمَا.
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5565]
المزيــد ...
Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoolaa buburree gaafa qabu lama uduuhiyyaaf qalani, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'anii bismillaahi Allaahu Akbar jechaa harka ofiitiin gorra'ani.
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5565]
Anas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa Iid Al-Adahaa harka ofiitiin korbeessa hoolaa aadii gurraacha makatu kan gaafa qabu lama, miila isaanii morma hoolaa irra kaa'uun Bismillaah Allaahu Akbar jechaa uduhiyyaaf akka gorra'an hime.