+ -

عن شداد بن أوس رضي الله عنه قال: ثِنْتَانِ حَفِظْتُهُمَا عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ اللهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا الْقِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذَّبْحَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ، فَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1955]
المزيــد ...

Shaddaad ilma Aawsii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: waa lama Ergamaa Rabbii irraan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haffaze, ni jedhan:
"Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatan gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u billaa isaa haa qarfatu, gorraasuu isaa haa boqachiisu".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1955]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Rabbiin waan hundaaf tola ooluu nurratti dirqama akka godhe himan, tola ooluun: walitti fufiinsaan, ibaadaa isaa fi toltuu uumamtootaaf gumaachee hamtuu isaan irraa qabuu keessatti Rabbiin ofirratti too'achuudha, sana keessaa gorraasuu fi ajjeesuu keessatti tola ooluudha.
Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha.
Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rahmataa fi mararfannaa Rabbiin uumamtootaaf qabuudha.
  2. Ajjeechaa fi gorraasuu tolchuu jechuun akka itti karaa godhameen raawwachuu jechuudha.
  3. Guutina shari'aa fi khayrii hunda walitti qabachuu isaati, sana irraa lubbu qabeeyyiif rahmata gochuu fi jaraaf laphee baachuudha.
  4. Booda nama ajjeesanii qaama isaa kukkutuu irraa dhoorguudha.
  5. Hunda waan lubbu qabeeyyii cinquun isa keessa jiruu haraama taasisuudha.