+ -

عَنْ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يَبْسُطُ يَدَهُ بِاللَّيْلِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ النَّهَارِ، وَيَبْسُطُ يَدَهُ بِالنَّهَارِ لِيَتُوبَ مُسِيءُ اللَّيْلِ، حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2759]
المزيــد ...

Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka diriirsa, Hanga aduun dhihaa irraa baatutti».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2759]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: Rabbiin ol tahe gabroota isaa irraa towbaa akka qeebalu himan. Gabrichi tokko guyyaa dilii hojjetee halkan yoo towbaa gara Rabbii deeb'e Rabbiin towbaa isaa ni qeebala, yoo halkan dilii raawwatee guyyaa towbates Rabbiin towbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin qulqullaa'e towbaaf harka isaa ni diriirsa isheetti gammadee ishee qeebaluuf jecha, Balballi towbaa hanga aduun dhiha irraa baatee dhumni addunyaa tanaa hanga labsamutti banaa ta’ee hafa, yeroo aduun kallattii sanaan baate balballi towbaa ni cufama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Towbaan qeebalamuun hanga balballi isaa banaa ta’etti itti fufa, Balballi isaa yeroo aduun dhiha irraa baate ni cufama. Namichi du'aaf lubbuun isaa kokkee gayuun duratti towbachuudha qaba.
  2. Dhiifamaa fi rahmatni Rabbii ol ta'ee bal’aa waan ta’ee fi balballi towbaa banaa waan ta'eef jecha ilmi namaa sababaa dilii hojjeteef abdii kutachuu hin qabuudha.
  3. Ulaagaaleen towbaa: Inni jalqabaa: dilii san hojechuu dhiisuudha, Inni lammaffaa: dilii san raawwachuuf seenayuudha, inni sadaffaa: tasuma dilii sanitti hin deebi'u jedhee murachuudha, kunneen eegaa yoo haqa Rabbii balleesseedha. Haqa gabrootaa waliin kan walqabatu yoo ta'e ammoo Towbaa sirrii ta’uuf haqa abbaa isaatiif deebisu qaba, ykn abbaan haqa isaa dhiifama jechuudha qaba.