+ -

عَنْ أَبِي الحَوْرَاءِ السَّعْدِيِّ قَالَ: قُلْتُ لِلْحَسَنِ بْنِ عَلِيٍّ رضي الله عنهما: مَا حَفِظْتَ مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ؟ قَالَ: حَفِظْتُ مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«دَعْ مَا يَرِيبُكَ إِلَى مَا لاَ يَرِيبُكَ، فَإِنَّ الصِّدْقَ طُمَأْنِينَةٌ، وَإِنَّ الكَذِبَ رِيبَةٌ».

[صحيح] - [رواه الترمذي والنسائي وأحمد] - [سنن الترمذي: 2518]
المزيــد ...

Abuu Al-Hawraa Al-Sa'adii irraa akka odeeffametti akkana jedhe: akkana jedhe: Al-Hasan bin Aliyyiitin -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkanan jedheen: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- maal haffazte/sammutti qabatte? innis ni jedhe: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kanan haffaze:
«Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha».

[sirrii] - - [sunana tarmizii - 2518]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota gochoota irraa waan dhoorgama moo mitii, haraama moo ykn halaalii keessatti shakkitu dhisanii gara waan shakkii hin qabne kan gaarummaa fi halaalummaan isaa mirkanaa'e dabutti ajajaniiru, sababni isaas qalbiin isatti waan ni tasgabbaa'uf jecha, waan shakkiin isa keessa jiru immoo qalbiin irraa dhiphatee jeeqama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Muslimni waan shakkii qabu dhiisee dhimmoota isaa waan mirkanaa’ina qabu irratti hundaa’ee hojechuun barbaachisaa akka ta'eedha, akkasumas amantii isaa irratti hubannoo cimaa qabaachuu akka qabuudha.
  2. Waan halaalaa fi haraama ta'uu shakkan keessatti kufuu irraa dhoorguudha.
  3. Yoo tasgabbii fi haragalfannaa barbaadde, shakkamaa dhiisii ​​cinatti darbi.
  4. Rabbiin gabroota isaatif akka rahmata godheedha, waan tasgabbii sammuu fi lubbuu isaanitiif fidu akka hojjetan isaan ajajee, waan yaaddoo fi burjaajii isaan irratti fidu irraa isaan yeroo dhoorge keessatti.
dabaltii