Galmee Hadisotaa

“Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu
عربي Ingiliffaa Orduu
Booda kootii dhiirota irratti qormaata miidhaa ta'e kan akka dubartootaa hin dhiifne
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Dubartoota irratti seenuu irraa of eeggadhaa». Namichi warra Ansaaraa irraa tahe tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii fira abbaa manaa yoo tahe hoo? isaanis akkas jedhan: «Firri abbaa manaa du'a
عربي Ingiliffaa Orduu
Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ulaagaa hunda irra kan isin guutuu qabdan, ulaagaa ittiin qaama saalaa dubartii halaala taasifattani
عربي Ingiliffaa Orduu
Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafiroota), Aakhiraatti ammoo nuufi
عربي Ingiliffaa Orduu
Rifeensa affarroo (hidhii gubbaa) gabaabsaa, Areeda dhiisaa
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dhiirri qaama saalaa dhiiraa hin ilaalu, dubartiinis qaama saalaa dubartii hin ilaaltu
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota hunda irra haala gaariin irra bareedaa turani
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
عربي Ingiliffaa Orduu
Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga
عربي Ingiliffaa Orduu
Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, nama jabeesse Rabbiin isatti jabeessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hin dallanin
عربي Ingiliffaa Orduu
Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Saalfiin iimaana irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
(Namni tokko yeroo obboleessa isaa jaallate akka isa jaallatu isatti haa himu)
عربي Ingiliffaa Orduu
Toltuun hunduu sadaqaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti”
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu
عربي Ingiliffaa Orduu
Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'ellee
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen "Yarhamukallaah" jechuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
“Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira,
عربي Ingiliffaa Orduu
Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa
عربي Ingiliffaa Orduu
Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa
عربي Ingiliffaa Orduu
“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan isaan akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin akkuma dirqamni isaa hojjatamuu jaallatutti wanti inni laaffisees hojjatamuu jaallata
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin nama toltuu isaaf fedhe, rakkoon isa tuqa
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”
عربي Ingiliffaa Orduu
Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhimmi mu’uminaa akkam nama ajaa’iba, dhimmi isaa hundi gaarii dha. Sunis nama Mu'uminaa qofaaf malee nama kamiifuu miti
عربي Ingiliffaa Orduu
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama
عربي Ingiliffaa Orduu
Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa,
عربي Ingiliffaa Orduu
Namna Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii isa hubachiisa
عربي Ingiliffaa Orduu
Beekaatti ittiin dhaaddachuuf jecha beekumsa hin baratinaa, gowwootas ittiin falmuuf jechas hin baratinaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan keessan nama Qur'aana baratee barsiise
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- aayatoota kudhan kan qara'an turani, hanga beekumsaa fi hojii waan isii keessa jiru baranutti barumsa kurnan biroo hin fudhatanu ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanatti qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a
عربي Ingiliffaa Orduu
tokkoon keessan yeroo gara maatii isaatti deebi'etti gaala rimaa qabdu gurguddoo gagabbattuu sadi isaan biratti argachuu ni jaallataa?
عربي Ingiliffaa Orduu
Qur'aana kana eeggadhaa, isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtuunan kakadha, inni gaalli hidhaa isii keessaa miliquu caalaatti nama harkaa miliqa
عربي Ingiliffaa Orduu
Manneen keessan qabroota hin taasisinaa, mana suuraan baqaraa keessatti qara'amu sheexaanni irraa dheessa
عربي Ingiliffaa Orduu
yaa abal munzir, kitaaba Rabbii keessaa aayaa si bira jirtu kamtu irra guddoo akka taate beektaa?» ni jedhe: akkanan jedhe: {ALLAAHU LAA ILAAHA ILLAA HUWA AL-HAYYU AL-QAYYUUM} [Al-baqaraa: 255], ni jedhe: ergamaanis qoma koo keessa rukutuun akkas jedhani: «Rabbiinan kakadha beekumsi si haa gammachiisu yaa abal munzir
عربي Ingiliffaa Orduu
Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi kheyrii hunda si kadhadha, ariifataa fi harkifataa isaa, waan ani beekuf hin beeknes, badii hundumaa irraa sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari
عربي Ingiliffaa Orduu
Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi
عربي Ingiliffaa Orduu
Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan guddaa irraa na gaafatte, innis nama Rabbiin isaaf salphise irratti salphaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan hundaa yeroo gara firaasha isaanitti bahanitti ganaa isaanii lameen walitti qabanii, eegasii isaan keessatti tuttufuun: {Qul huwa allaahu ahad}, {qul a'uuzu birabbi al-falaq} fi {qul a'uuzu birabbinnaas} isaan keessatti qara'anii
عربي Ingiliffaa Orduu
“Gooftaan istighfaaraa
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu
عربي Ingiliffaa Orduu
{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin biratti Irra jaallatamaan haasaadhaa afuri: Subhaanallaah (Allaahaan qulqullaa'e), Wal hamdu lillaah (faaruun kan Allaahaati), Wa laa ilaaha illallaah (haqaan gabbaramaan Allaaha malee hi jiru), Wallaahu akbar (Allaahaan waa hinda irra guddaadha), kamii isaanitiinuu eegaltu si hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni yeroo kudhaniif "Laa ilaaha illallaahu Wahdahuu Laa Shariika lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhe
عربي Ingiliffaa Orduu
Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti
عربي Ingiliffaa Orduu
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni bakka tokko qubatee eegasii, A'uuzu bikalimaatillaahi attaammaati Min sharri Maa Khalaq jedhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan
عربي Ingiliffaa Orduu
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee
عربي Ingiliffaa Orduu
yaa ergamaa Rabbii! badii irraa xiqqoos ta'ee guddoo isii hojjadhu malee hin dhiifne, ergamaanis ni jedhani: "Haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa kan baatu hin taanee?
عربي Ingiliffaa Orduu
inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne
عربي Ingiliffaa Orduu
nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti
عربي Ingiliffaa Orduu
Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkiin munaafiqaa, akka re'ee gidduu tuuta re'ootaa lamaa deemtuuti, yeroo tokko gara isii kanaatti yeroo kaan immoo gara isii sanaati deemti
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa
عربي Ingiliffaa Orduu
ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama
عربي Ingiliffaa Orduu
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Warra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne}
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin karaa sirriif fakkeenya godhe
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga {Bismillaahi al-rrahmani al-rrahiim} jechuun isaan irratti buufamutti qooddaa suuraa hin beekan turani
عربي Ingiliffaa Orduu
namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti
عربي Ingiliffaa Orduu
Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata
عربي Ingiliffaa Orduu
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan urgaa'u (shittoo) hin deebisanu turani
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhagayuu fi ajajamuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus
عربي Ingiliffaa Orduu
Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
{Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan}
عربي Ingiliffaa Orduu
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo bartaniif jecha akkas godhe
عربي Ingiliffaa Orduu
“Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”
عربي Ingiliffaa Orduu
akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba
عربي Ingiliffaa Orduu
wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajaju ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture,
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii
عربي Ingiliffaa Orduu
Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta
عربي Ingiliffaa Orduu
mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti
عربي Ingiliffaa Orduu
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisuu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
“Salaata dirqamaa hunda boodatti namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” yeroo soddomii afur”
عربي Ingiliffaa Orduu
Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​
عربي Ingiliffaa Orduu
“Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis
عربي Ingiliffaa Orduu
yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Ergamaa Rabbii, jihaadni irra caalaa hojii ta'uudha agarra, niti jihaada hin goonuu? isaanis akkana jedhan: «Lakkii, garuu irra caalaan jihaadaa: Hajjii qulqulluudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime
عربي Ingiliffaa Orduu
Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,
عربي Ingiliffaa Orduu
Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata
عربي Ingiliffaa Orduu
Yoo dhugaa dubbate milkaa'e
عربي Ingiliffaa Orduu
“Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, akkas jedhame: Eenyu? Yaa Ergamaa Rabbii! akkana jedhan: «Nama abbaa fi haadha isaa tokko ykn lamaan isaanii bakka dulluma isaanitti dhaqqabee, sababaa saniin jannata hin seenini
عربي Ingiliffaa Orduu
Mufarridoonni darban
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
عربي Ingiliffaa Orduu
Garii duulota nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani
عربي Ingiliffaa Orduu
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef
عربي Ingiliffaa Orduu
Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- durba kutaa isiitii hin baane irra saalfii jabaa qabu turani, yeroo waan jibban arganitti fuula isaanii irraa beekna
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa
عربي Ingiliffaa Orduu
kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyoota ana dura ergaman keessaa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hin taane
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta
عربي Ingiliffaa Orduu
Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunname, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata
عربي Ingiliffaa Orduu
Alaabaa kana nama Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu kan Rabbiin harka isaatti injifannoo fiduuf kenna
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu