+ -

عَنْ أَنَسٍ رضي الله عنه قَالَ:
جَاءَ رَجُلٌ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، مَا تَرَكْتُ حَاجَّةً وَلَا دَاجَّةً إِلَّا قَدْ أَتَيْتُ، قَالَ: «أَلَيْسَ تَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ؟» ثَلَاثَ مَرَّاتٍ. قَالَ: نَعَمْ، قَالَ: «فَإِنَّ ذَلِكَ يَأْتِي عَلَى ذَلِكَ».

[صحيح] - [رواه أبو يعلى والطبراني والضياء المقدسي] - [الأحاديث المختارة للضياء المقدسي: 1773]
المزيــد ...

Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii! badii irraa xiqqoos ta'ee guddoo isii hojjadhu malee hi dhiifne, ergamaanis ni jedhani: "Haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa kan baatu hin taanee?" yeroo sadi akkas jechuun gaafatani. namtichis: eeyyeen(ragaa nan ba'a) jedhe, ergamaanis ni jedhan: "dhugumatti inni sun isa sana irra dhufa".

[sirrii] - - [hadiisota filatamoo kan duyaaul maqdisiin walittiqabe - 1773]

Ibsaa

Namtichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkana jedhe: yaa ergamaa Rabbii! ani dhugumatti badii fi dilii hunda irraa hojjadheen jira, xiqqaa fi guddaa isaas osoon hin hojjatin hin dhiifne, anaaf ni dhiifamaa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniin: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiruu fi Muhammad immoo dhugumatti ergamaa Allaahaati jettee ragaa kan baatu hin taanee? Yeroo sadi isii irra deddeebi'an. Innis eeyyee ragaa nan ba'a jechuun isaanif deebise, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa shahaadaan lameen qabduu fi badiiwwan haquu isii isatti himan, tawbaan waan isii dura dabre ni haqxi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Guddina shahaadaa lameenii fi badiiwaan irra ulfaatoo ta'uu isaaniiti nama dhugaan qalbii isaa irraa isaan jedheef.
  2. Islaamummaan waan isa dura dabre ni haqa.
  3. Tawbaan dhugaa waan isii dura dabre ni haqxi.
  4. Barsiisuu keessatti irra deddeebi'uun karaa nabiyyii irraati -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.
  5. Sadarkaa shahaadaan lameen qabanii fi isaan lameen ibidda keessatti zalaalam jiraachuu irraa bilisa ba'uuf sababaa akka ta'aniidha.