عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ قَالَ: سُبْحَانَ اللهِ وَبِحَمْدِهِ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، حُطَّتْ خَطَايَاهُ وَإِنْ كَانَتْ مِثْلَ زَبَدِ الْبَحْرِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6405]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
«Namni Subhaanallaahi Wobihamdih, guyyaa keessa yeroo dhibba tokko jedhe, akka oomacha bahraa yoo ta'ellee badiin isaa isarraa haqamti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6405]

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni guyyaa tokko keessatti yeroo dhibba tokko «Subhaan Allaah Wobihamdih» jedhe, badiin isaa isa irraa haqamtee akka isaaf dhiifamtu himani, osoma akka oomacha adii yeroo guuboon ka'u bahra irratti ol ta'uutti yoo heddummaatellee.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Mindaan kun nama guyyaa tokko keessatti itti fufiinsaanis ta'ee yookaan adda babaasee jedheef argama.
  2. Tasbiiha jechuun: inni hirdhina irraa Rabbiin qulqulleessuudha, Hamdiin(Faaruun): jaallachuu fi isa guddisuu woliin guutummaan isa ibsuudha.
  3. Hadiisichaan kan itti fedhame badii xixiqqoo haquudha, badiin gurguddoon immoo tawbaan isheef dirqama.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإسبانية Dabalata (65)