عن أنس بن مالك رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِنَّ اللهَ لَيَرْضَى عَنِ الْعَبْدِ أَنْ يَأْكُلَ الْأَكْلَةَ فَيَحْمَدَهُ عَلَيْهَا، أَوْ يَشْرَبَ الشَّرْبَةَ فَيَحْمَدَهُ عَلَيْهَا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2734]
المزيــد ...

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irra haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin gabricha irraa nyaata nyaatee isa irratti isa galatoomfachuu irraa jaallata, yookaan dhugaatii dhugee isa irratti isa galatoomfachuu».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2734]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi tola isaa fi qananii isaa irratti Rabbiin galateeffachuun wantoota ittiin jaalala Rabbii argatan irraa akka ta'e ibsani; nyaata nyaatee ka'ee, Alhamdulillaah jedha, dhugaatiis dhugee ka'ee, Alhamdulillaah jedha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Arjummaa Rabbiin qabuudha, ofii isaatii rizqii kennee kenna isaa irratti immoo galatoomfachuu jaallata.
  2. Jaalalli Rabbii wantoota haalaan laafoo ta'aniin argama, booda nyaataa fi dhugaatiitii akka isa galateeffachuu faa.
  3. namuusa nyaataa fi dhugaatii irraa: booda nyaataa fi dhugaatiitii Rabbiin galateeffachuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (63)