Galmee Hadisotaa

Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii
عربي Ingiliffaa Orduu
Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta
عربي Ingiliffaa Orduu
mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti
عربي Ingiliffaa Orduu
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisuu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
“Salaata dirqamaa hunda boodatti namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” yeroo soddomii afur”
عربي Ingiliffaa Orduu
Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​
عربي Ingiliffaa Orduu
“Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis
عربي Ingiliffaa Orduu
yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Ergamaa Rabbii, jihaadni irra caalaa hojii ta'uudha agarra, niti jihaada hin goonuu? isaanis akkana jedhan: «Lakkii, garuu irra caalaan jihaadaa: Hajjii qulqulluudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime
عربي Ingiliffaa Orduu
Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,
عربي Ingiliffaa Orduu
Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata
عربي Ingiliffaa Orduu
Yoo dhugaa dubbate milkaa'e
عربي Ingiliffaa Orduu
“Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, akkas jedhame: Eenyu? Yaa Ergamaa Rabbii! akkana jedhan: «Nama abbaa fi haadha isaa tokko ykn lamaan isaanii bakka dulluma isaanitti dhaqqabee, sababaa saniin jannata hin seenini
عربي Ingiliffaa Orduu
Mufarridoonni darban
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
عربي Ingiliffaa Orduu
Garii duulota nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani
عربي Ingiliffaa Orduu
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef
عربي Ingiliffaa Orduu
Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- durba kutaa isiitii hin baane irra saalfii jabaa qabu turani, yeroo waan jibban arganitti fuula isaanii irraa beekna
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa
عربي Ingiliffaa Orduu
kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin
عربي Ingiliffaa Orduu
waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha
عربي Ingiliffaa Orduu
yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo?
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rak'aa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu
عربي Ingiliffaa Orduu
Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati
عربي Ingiliffaa Orduu
Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture
عربي Ingiliffaa Orduu
yaa ergamaa Rabbii, haati Sa'ad ni duute, sadaqaa kamtu irra caalaadha?, isaanis ni jedhani: «Bishaani», ni jedhe (gabaasaan hadiisachaa): (sa'ad) eela qotee, kun kan haadha sa'adi jedhe
عربي Ingiliffaa Orduu
yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiraatti fayyummaa Rabbiin kadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala
عربي Ingiliffaa Orduu
Hunda bineensa qarrinffaa qabu irraa dhoorganii jiru, akkasumas hunda allaattii qeensa qabu irraas
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyoota ana dura ergaman keessaa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hin taane
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta
عربي Ingiliffaa Orduu
Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunname, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata
عربي Ingiliffaa Orduu
Alaabaa kana nama Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu kan Rabbiin harka isaatti injifannoo fiduuf kenna
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Jedhi: Yaa Rabbi, na qajeelchi, na sirreessi, qajeellumaan karaa imalaa qajeeluu kee yaadadhu, sirraa'uun sirraa'uu xiyyaa yaadadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tokkos salaama na irratti hin buusu, Rabbiin ruuhii natti deebisee salaama itti deebisu malee hin hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
عربي Ingiliffaa Orduu
Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
عربي Ingiliffaa Orduu
Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani
عربي Ingiliffaa Orduu
Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan yaada isaa Rabbitti tolchu malee akka hin duune
عربي Ingiliffaa Orduu
Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu
عربي Ingiliffaa Orduu
Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni bakka walga’ii isa keessatti Rabbiin hin zakkarin tokko irraa ka'an taanan akka nama reeffa herree ka'ee ta'an malee hin hafan, akkasumas sun isaanitti gaabbii ta'u malee hin hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu
عربي Ingiliffaa Orduu
Adabbii keessatti irra gadi aanaan warra ibiddaa nama kopheen lamaa fi funyoon kophee lama ibidda irraa isaaf ta'ee, Sababaa isaaniitiin sammuun isaa akka okkoteen danfutti kan danfuudha, kan isa caalaa adabamu jira jedhee hin yaadu, garuu inni adabbii keessatti irra gadi aanaa isaaniti
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa Qiyaamaa, mu’uminni Rabbii isatti ni dhiheeffama, hanga Rabbiin ol ta'e girdoo isaa irra kaa'ee, badii isaa ofiif akka ofirratti raggaasisu isa taasisa
عربي Ingiliffaa Orduu
Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Abuu Bakarii fi Umariin ilaalchisee akkana jedhan: «Isaan lamaan kun sayyidoota giddu galeessa warra jannataati, warra duraati boodaa irraa, Nabiyyoota fi Ergamtoonni osoo hafanii
عربي Ingiliffaa Orduu
Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin nama wal qunnamtii saalaa raawwachuuf gara dhiiratti dhufu ykn dubartitti gara duubatiin itti hin ilaalu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni afxira hanga ariifachiisanitti toltuu irratti ta'uu irraa hin deemani
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe
عربي Ingiliffaa Orduu
mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbii fi Ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i
عربي Ingiliffaa Orduu
Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin
عربي Ingiliffaa Orduu
Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha
عربي Ingiliffaa Orduu
sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin dirqamoota dirqama taasiseera, (hojjachuu dhabuun) isaan hin balleessinaa, akkasumas daangaawwan daangesseera, isaan hin tarkaanfatinaa, wantoota gariis haraama taasiseera , isaan hin hojjatinaa, irraanfatee osoo hin taane, rahmata isiniif gochuuf jecha, wantoota garii irraas calliseera, qoqqottanii isaan hin barbaadinaa Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira Abuu Abdurrahmaan Abdullaah ibnu Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:||“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaaf wolitti qabama Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu Abuu Abdullaah Annu'umaan ibnu Bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:||"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha Abuu Ruqiyyaa Tamiim ibnu Aows Addaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:||"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:||«Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi Abuu Hamzaa Anas ibnu Maalik -khaadima ergamaa Rabbii Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:||«Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu Abuu Mas'uud Uqbaa ibnu Amrii Al-Ansaarii Al-Badrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:||«Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu Abuu Amri -Abuu Amraas jedhameera- Sufyaan ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:||Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan.||«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa Waan guddaa irraa gaaffatte, inni nama Rabbiin laaffiseef irratti laafaadha Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru Ibnu Abbaas irraa akka odeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:||«Namoonni himannaa isaanii qofaan osoo kennameefii, silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. Garuu ragaa dhiheessuun nama himate irratti ta'a, kakuun immoo nama morme irratti ta'a Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru Tokkoon keessan hinamanu hanga fedhiin isaa waan ani ittiin dhufe (islaamummaa) hordofutti Wanti nama macheessu hundi haraama Abdullaah ibnu Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:||«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa tahe, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: nama yeroo dubbatetti kijibu, yeroo beellametti diigu, yeroo falmetti daangaa dabruu fi yeroo waadaa (irbuu) seenetti ganu Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan dhaloonni haraama godhu hoosifnis haraama godha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati
عربي Ingiliffaa Orduu