Tarree Hadiisotaa

Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii
عربي الإنجليزية الأوردية
Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta
عربي الإنجليزية الأوردية
mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti
عربي الإنجليزية الأوردية
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
عربي الإنجليزية الأوردية
Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?
عربي الإنجليزية الأوردية
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi
عربي الإنجليزية الأوردية
Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru?
عربي الإنجليزية الأوردية
Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisuu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
“Salaata dirqamaa hunda boodatti namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” yeroo soddomii afur”
عربي الإنجليزية الأوردية
Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha
عربي الإنجليزية الأوردية
Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​
عربي الإنجليزية الأوردية
“Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis
عربي الإنجليزية الأوردية
yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Ergamaa Rabbii, jihaadni irra caalaa hojii ta'uudha agarra, niti jihaada hin goonuu? isaanis akkana jedhan: «Lakkii, garuu irra caalaan jihaadaa: Hajjii qulqulluudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime
عربي الإنجليزية الأوردية
Tarree keessan qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi
عربي الإنجليزية الأوردية
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,
عربي الإنجليزية الأوردية
Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an
عربي الإنجليزية الأوردية
Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan
عربي الإنجليزية الأوردية
Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata
عربي الإنجليزية الأوردية
Yoo dhugaa dubbate milkaa'e
عربي الإنجليزية الأوردية
“Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, akkas jedhame: Eenyu? Yaa Ergamaa Rabbii! akkana jedhan: «Nama abbaa fi haadha isaa tokko ykn lamaan isaanii bakka dulluma isaanitti dhaqqabee, sababaa saniin jannata hin seenini
عربي الإنجليزية الأوردية
Mufarridoonni darban
عربي الإنجليزية الأوردية
Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
عربي الإنجليزية الأوردية
Garii duulota nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani
عربي الإنجليزية الأوردية
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni duuniyaatti hariira offate aakhiraatti isa hin offatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Irra guddaan jihaadaa jecha haqaa mootii jallaa biratti dubbachuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef
عربي الإنجليزية الأوردية
Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- durba kutaa isiitii hin baane irra saalfii jabaa qabu turani, yeroo waan jibban arganitti fuula isaanii irraa beekna
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee
عربي الإنجليزية الأوردية
Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa
عربي الإنجليزية الأوردية
kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin
عربي الإنجليزية الأوردية
waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?
عربي الإنجليزية الأوردية
Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha
عربي الإنجليزية الأوردية
yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo?
عربي الإنجليزية الأوردية
Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rak'aa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu
عربي الإنجليزية الأوردية
Taabotaan hin kakatinaa, akkasumas abboota keessaniinis hin kakatinaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati
عربي الإنجليزية الأوردية
Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture
عربي الإنجليزية الأوردية
yaa ergamaa Rabbii, haati Sa'ad ni duute, sadaqaa kamtu irra caalaadha?, isaanis ni jedhani: «Bishaani», ni jedhe (gabaasaan hadiisachaa): (sa'ad) eela qotee, kun kan haadha sa'adi jedhe
عربي الإنجليزية الأوردية
yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiraatti fayyummaa Rabbiin kadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala
عربي الإنجليزية الأوردية
Hunda bineensa qarrinffaa qabu irraa dhoorganii jiru, akkasumas hunda allaattii qeensa qabu irraas
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyoota ana dura ergaman keessaa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hin taane
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta
عربي الإنجليزية الأوردية
Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunname, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata
عربي الإنجليزية الأوردية
Alaabaa kana nama Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu kan Rabbiin harka isaatti injifannoo fiduuf kenna
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha
عربي الإنجليزية الأوردية
Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti
عربي الإنجليزية الأوردية
‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Jedhi: Yaa Rabbi, na qajeelchi, na sirreessi, qajeellumaan karaa imalaa qajeeluu kee yaadadhu, sirraa'uun sirraa'uu xiyyaa yaadadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni tokkos salaama na irratti hin buusu, Rabbiin ruuhii natti deebisee salaama itti deebisu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Lallabaan tokko ni lallaba, isiniif fayyaa malee gonkumaa dhukkubsachuun hin jiru, jiraachuu malee du'uun gonkumaa hin jiru, dargaggummaa malee dulloomuun gonkumaa hin jiru, qananii keessa jiraachuu malee gonkumaa abdii kutachuun hin jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
عربي الإنجليزية الأوردية
Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban
عربي الإنجليزية الأوردية
Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
عربي الإنجليزية الأوردية
Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani
عربي الإنجليزية الأوردية
Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan yaada isaa Rabbitti tolchu malee akka hin duune
عربي الإنجليزية الأوردية
Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu
عربي الإنجليزية الأوردية
Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoonni bakka walga’ii isa keessatti Rabbiin hin zakkarin tokko irraa ka'an taanan akka nama reeffa herree ka'ee ta'an malee hin hafan, akkasumas sun isaanitti gaabbii ta'u malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu
عربي الإنجليزية الأوردية
Adabbii keessatti irra gadi aanaan warra ibiddaa nama kopheen lamaa fi funyoon kophee lama ibidda irraa isaaf ta'ee, Sababaa isaaniitiin sammuun isaa akka okkoteen danfutti kan danfuudha, kan isa caalaa adabamu jira jedhee hin yaadu, garuu inni adabbii keessatti irra gadi aanaa isaaniti
عربي الإنجليزية الأوردية
Guyyaa Qiyaamaa, mu’uminni Rabbii isatti ni dhiheeffama, hanga Rabbiin ol ta'e girdoo isaa irra kaa'ee, badii isaa ofiif akka ofirratti raggaasisu isa taasisa
عربي الإنجليزية الأوردية
Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Abuu Bakarii fi Umariin ilaalchisee akkana jedhan: «Isaan lamaan kun sayyidoota giddu galeessa warra jannataati, warra duraati boodaa irraa, Nabiyyoota fi Ergamtoonni osoo hafanii
عربي الإنجليزية الأوردية
Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin nama wal qunnamtii saalaa raawwachuuf gara dhiiratti dhufu ykn dubartitti gara duubatiin itti hin ilaalu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoonni afxira hanga ariifachiisanitti toltuu irratti ta'uu irraa hin deemani
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe
عربي الإنجليزية الأوردية
mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbii fi Ergamaan isaa farsoo, du'aa, karkarroo fi taabota gurguruu haraama taasisanii jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i
عربي الإنجليزية الأوردية
Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin
عربي الإنجليزية الأوردية
Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha
عربي الإنجليزية الأوردية
sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin dirqamoota dirqama taasiseera, (hojjachuu dhabuun) isaan hin balleessinaa, akkasumas daangaawwan daangesseera, isaan hin tarkaanfatinaa, wantoota gariis haraama taasiseera , isaan hin hojjatinaa, irraanfatee osoo hin taane, rahmata isiniif gochuuf jecha, wantoota garii irraas calliseera, qoqqottanii isaan hin barbaadinaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira
عربي الإنجليزية الأوردية
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
عربي الإنجليزية الأوردية
uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaaf wolitti qabama
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu
عربي الإنجليزية الأوردية
Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Amantaa jechuun gaarii yaaduudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee
عربي الإنجليزية الأوردية
Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu
عربي الإنجليزية الأوردية
Humna ilma namaa guutuu irra sadaqaatu jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan guddaa irraa gaaffatte, inni nama Rabbiin laaffiseef irratti laafaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan hinamanu hanga fedhiin isaa waan ani ittiin dhufe (islaamummaa) hordofutti
عربي الإنجليزية الأوردية
Wanti nama macheessu hundi haraama
عربي الإنجليزية الأوردية
Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'e, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: yeroo dubbatetti ni kijiba,yeroo irbuu seenetti ni gana, yeroo beellametti ni diiga, yeroo falmetti daangaa darba
عربي الإنجليزية الأوردية
Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti
عربي الإنجليزية الأوردية
Toltuun: haala gaariidha, badiin immoo: waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni isarratti si beekuu jibbiteedha
عربي الإنجليزية الأوردية
Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ummata kiyyaaf dogoggora irraanfii fi waan irratti dirqisiifaman irra naa dabreefii jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan dhaloonni haraama godhu hoosifnis haraama godha
عربي الإنجليزية الأوردية
Ilmi namaa akka garaa isaattti, qodaa hamaa ta'e kan inn guute hin jiru, ilma namaatiif luqumaawwan muraasni dugda isaa dhaabdu isaaf ga'aadha, quufanii nyaachuun kan hin hafne yoo ta'e immoo, tokko sadaffaa garaa nyaata isaatiif, tokko sadaffaa kaan immoo dhugaatii isaatiif, tokko sadaffaaa hafe immoo hafuura isaatiif haa godhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati
عربي الإنجليزية الأوردية