tarree:
+ -

عَنْ أَبِي بُرْدَةَ، عَنْ أَبِيهِ أَبِي مُوسَى الأَشْعَريِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بَعَثَهُ إِلَى اليَمَنِ، فَسَأَلَهُ عَنْ أَشْرِبَةٍ تُصْنَعُ بِهَا، فَقَالَ: وَمَا هِيَ؟، قَالَ: «البِتْعُ وَالمِزْرُ»، فَقِيلَ لِأَبِي بُرْدَةَ: مَا البِتْعُ؟ قَالَ: نَبِيذُ العَسَلِ، وَالمِزْرُ: نَبِيذُ الشَّعِيرِ، فَقَالَ: «كُلُّ مُسْكِرٍ حَرَامٌ» خرجه البخاري. وَخَرَّجَهُ مُسْلِمٌ وَلَفْظُهُ: قَالَ: بَعَثَنِي رَسُولُ اَلله أَنَا وَمُعَاذٌ إِلَى اَليَمَنِ، فَقُلْتُ: يَا رَسُولُ اَللَّهِ! إِنَّ شَرَابًا يُصْنَعُ بِأَرْضِنَا يُقَال لَهُ: المِزَرُ مِنَ الشَّعِيرِ، وَشَرَابٌ يُقَالُ لَهُ: البِتْعُ مِنَ العَسَلِ، فَقَالَ: «كُلُّ مُسْكِرٍ حَرَامٌ». وَفِي رِوَايَةٍ لِمُسْلِمٍ: «فَقَالَ: كُلُّ مَا أَسْكَرَ عَنِ الصَّلَاةِ فَهُوَ حَرَامٌ». وَفِي رِوَايَةٍ لَهُ: «وَكَانَ رَسُولُ الله قَدْ أُعْطِيَ جَوَامِعَ الكَلِمِ بِخَوَاتِمِهِ، فَقَالَ: أَنْهَى عَنْ كُلِّ مُسْكِرٍ أَسْكَرَ عَنْ الصَّلَاةِ».

[صحيح] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية: 46]
المزيــد ...

Abuu Burdaan, Abbaa isaa Abuu Muusaa Al-Ash'arii irraa odeessee -Rabbi isa irraa haa jaallatu-
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii, dhugaatii achitti hojjatamu irraa, maali isiin? jedhanii isa gaafatani, innis, «Bit'ii fi Mizriidha» jedhe, achumaan Abuu Burdaadhaan, bit'iin maali? jedhameen, innis "Bulbula dammaati, Mizriin immoo: bulbula garbuuti" jedhe, Isaanis ni jedhani: «wanti macheessu hundi haraama». Bukhaariitu gabaase.

[sirrii] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية - 46]

Ibsaa

Abuu Muusaa Al-Ash'ariin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii jennaan, dhugaatii achitti hojjatamu, inni haraamaa? jedhee gaafatee jennaan, isaanis deebisanii isa irraa gosa isaa akka adda baafatan hima. Abuu Muusaanis -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: isiin bit'ii dha: bulbula dammaati, Mizriidha: bulbula garbuuti. Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota wolitti qaboo ta'an, jechoota gabaaboon ergaa hedduu waan hedduu of keessatti qabatu dabarfachuu kennamani jiru waan ta'eef akkas jedhani: «Wanti macheesse hundi haraama».

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiizni: bishaan tamriin yookaan dammi yookaan garbuu fi kanneen sana fakkaatan keessa buufamee; sana irraa dhandhama mi'aawaa argatudha, sana booda turuu irraa kan ka'een, farsoo nama macheessu ta'uus ni danda'a.
  2. Hadiisni kun gosa waan nama macheessuu hunda, kan akka farsoo, hashiishii fi kanneen biroo, haraama taasisuu keessatti foormulaadha
  3. Muslimaaf waan itti haajamu gaafachuun barbaachisummaa inni qabuudha.
  4. Farsoon jalqaba haraama kan taasifame, yeroo salaatamu ture, yeroo gariin muhaajirtootaa salaatanii, salaata isaanii keessatti Qur'aana qara'ani dogongoranii jennaan, jechii Rabbii ol ta'ee kun bu'e: {Yaa warra amantan! Haala machaa'oo taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, salaatatti hin dhihaatinaa} [Annisaa'i: 43], achumaan waamaan ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- machaa'aan salaatatti akka hin dhihaanne jedhee waamaa ture, ammas eegasii Rabbiin guutummaa guutuutti jecha isaa akkas jedhuun haraama isa taasise: {Yaa warra amantan! akka milkooftaniif jecha dhugumatti farsoon, qumaarri, xaaghuunni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najasa dalagaa sheyxaanaa irraayii, isa irraa fagaadhaa. Wanti sheyxaanni fedhu dhugaatii macheessanii fi qumaaraan gidduu keessanitti diinummaa fi wal jibbaa buusuun Rabbiin yaadachuu fi salaata irraa isin dhorguudha, Sila isin hin dhorgamtanuu?} [Al-Maa'idaa: 90-91].
  5. Rabbiin ol ta'e miidhaa fi badii guddaa inni of keessatti qabatuuf jecha farsoo haraama taasise.
  6. Haraamummaa keessatti kan ilaalamu, amalli macheessuu jiraachuudha; bulbulli kamuu macheessaa yoo ta'e haraama ta'a, macheessaa yoo hin taane immoo eeyyamamaa ta'a.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii