عَنْ أَبِي بُرْدَةَ، عَنْ أَبِيهِ أَبِي مُوسَى الأَشْعَريِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بَعَثَهُ إِلَى اليَمَنِ، فَسَأَلَهُ عَنْ أَشْرِبَةٍ تُصْنَعُ بِهَا، فَقَالَ: وَمَا هِيَ؟، قَالَ: «البِتْعُ وَالمِزْرُ»، فَقِيلَ لِأَبِي بُرْدَةَ: مَا البِتْعُ؟ قَالَ: نَبِيذُ العَسَلِ، وَالمِزْرُ: نَبِيذُ الشَّعِيرِ، فَقَالَ: «كُلُّ مُسْكِرٍ حَرَامٌ» خرجه البخاري.
وَخَرَّجَهُ مُسْلِمٌ وَلَفْظُهُ: قَالَ: بَعَثَنِي رَسُولُ اَلله أَنَا وَمُعَاذٌ إِلَى اَليَمَنِ، فَقُلْتُ: يَا رَسُولُ اَللَّهِ! إِنَّ شَرَابًا يُصْنَعُ بِأَرْضِنَا يُقَال لَهُ: المِزَرُ مِنَ الشَّعِيرِ، وَشَرَابٌ يُقَالُ لَهُ: البِتْعُ مِنَ العَسَلِ، فَقَالَ: «كُلُّ مُسْكِرٍ حَرَامٌ».
وَفِي رِوَايَةٍ لِمُسْلِمٍ: «فَقَالَ: كُلُّ مَا أَسْكَرَ عَنِ الصَّلَاةِ فَهُوَ حَرَامٌ».
وَفِي رِوَايَةٍ لَهُ: «وَكَانَ رَسُولُ الله قَدْ أُعْطِيَ جَوَامِعَ الكَلِمِ بِخَوَاتِمِهِ، فَقَالَ: أَنْهَى عَنْ كُلِّ مُسْكِرٍ أَسْكَرَ عَنْ الصَّلَاةِ».
[صحيح] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية: 46]
المزيــد ...
Abuu Burdaan, Abbaa isaa Abuu Muusaa Al-Ash'arii irraa odeessee -Rabbi isa irraa haa jaallatu-
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii, dhugaatii achitti hojjatamu irraa, maali isiin? jedhanii isa gaafatani, innis, «Bit'ii fi Mizriidha» jedhe, achumaan Abuu Burdaadhaan, bit'iin maali? jedhameen, innis "Bulbula dammaati, Mizriin immoo: bulbula garbuuti" jedhe, Isaanis ni jedhani: «wanti macheessu hundi haraama». Bukhaariitu gabaase. Muslimis jecha akkas jedhu kanaan gabaasee jira, ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Anaa fi Mu'aaziin gara yamanitti nu erganii jennaan, ani akkana jedheen: yaa ergamaa Rabbii! dhugaatiin wohii kan biyya keenyatti godhamu, kan mizrii garbuu irraa ta'e isaan jedhamuu fi Bit'ii damma irraa ta'e kan isaan jedhamutu jiran, isaanis ni jedhani: «Wanti macheessu hundi haraama». Gabaas muslim biraatiin: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: « wanti macheesse Salaata irraa (wallaalchise) hundi haraama». Akkasuma gabaasa isaa kan birootiiniis: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota walitti qaboo ta'an xumura bareedaa waliim dhugumatti kennamanii jiru, akkas jedhani: "waan salaata irraa macheesse hunda irraan dhoorga».
[sirrii] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية - 46]
Abuu Muusaa Al-Ash'ariin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara yamanitti isa erganii jennaan, dhugaatii achitti hojjatamu, inni haraamaa? jedhee gaafatee jennaan, isaanis deebisanii isa irraa gosa isaa akka adda baafatan hima. Abuu Muusaanis -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: isiin bit'ii dha: bulbula dammaati, Mizriidha: bulbula garbuuti. Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota wolitti qaboo ta'an, jechoota gabaaboon ergaa hedduu waan hedduu of keessatti qabatu dabarfachuu kennamani jiru waan ta'eef akkas jedhani: «Wanti macheesse hundi haraama».