1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?

عَنْ صُهَيْبٍ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا دَخَلَ أَهْلُ الْجَنَّةِ الْجَنَّةَ، قَالَ: يَقُولُ اللهُ تَبَارَكَ وَتَعَالَى: تُرِيدُونَ شَيْئًا أَزِيدُكُمْ؟ فَيَقُولُونَ: أَلَمْ تُبَيِّضْ وُجُوهَنَا؟ أَلَمْ تُدْخِلْنَا الْجَنَّةَ، وَتُنَجِّنَا مِنَ النَّارِ؟ قَالَ: فَيَكْشِفُ الْحِجَابَ، فَمَا أُعْطُوا شَيْئًا أَحَبَّ إِلَيْهِمْ مِنَ النَّظَرِ إِلَى رَبِّهِمْ عَزَّ وَجَلَّ».

Suheyb irraa odeeffame, Rabbiin isa iraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii? isaanis akkas jedhan: Fuula keenna nu hin ibsinee, jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa na hin baafnee? ni jedha: Eegasii (Rabbiin) girdoo ni saaqa, Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 181

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warri jannataa yeroo jannata seenan, Rabbiin akkas isaanin akka jedhu himan:
Waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
Warri jannataa hundi akkas jedhu: Fuula keenya nu hin ibsinee? Jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa nu hin goonee?
Eegasii Rabbiin girdoo fuudhee ol kaasa, girdoon isaa ifaadha. Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Warri jannataa Rabbii isaanii akka arganiif girdoon ni saaqama, kaafiroonni ammoo kana irraa hoongahanii jiru.
  2. Irra guddaan qananii jannataa mu'umintoonni Rabbii isaanii arguudha..
  3. Namoonni jannata seenan hundi isaanii sadarkaan qubsuma isaanii hangam adda ta’us Rabbii isaanii ni argu.
  4. Rabbiin Mu'umintoota jannata seensisuudhaan tola gudda itti oole.
  5. Barbaachisummaa hojii gaggaariin gara jannataatti ariifachuu fi Rabbii ol ta'ee fi Ergamaa Isaatiif ajajamuuti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu.

Hiikkaawwan dhiheessuu

50 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية