عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عُمَرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ: أَخَذَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِمَنْكِبِي، فَقَالَ:
«كُنْ فِي الدُّنْيَا كَأَنَّكَ غَرِيبٌ أَوْ عَابِرُ سَبِيلٍ»، وَكَانَ ابْنُ عُمَرَ، يَقُولُ: إِذَا أَمْسَيْتَ فَلاَ تَنْتَظِرِ الصَّبَاحَ، وَإِذَا أَصْبَحْتَ فَلاَ تَنْتَظِرِ المَسَاءَ، وَخُذْ مِنْ صِحَّتِكَ لِمَرَضِكَ، وَمِنْ حَيَاتِكَ لِمَوْتِكَ.
[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6416]
المزيــد ...
Abdullaah bin Umar irraa odeeffamee Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ceekuu koo na qabanii akkana jedhan:
«Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i», Ibnu Umar akkana jedha ture: Yeroo galgaleeffatte ganama hin eegin, yoo ganameeffatte immoo galgala hin eegin, Osoo hin dhukkubsatin fayyaa keetti fayyadami, osoo duuti sitti hin dhufin jiruu keetti fayyadami.
[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6416]
Ibnu Umar, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- ceekuu isaa akka qabatanii, akkana isaan jedhan hime: Addunyaa kana keessatti akka keessummaa biyya manni itti jiraatu isa keessatti isaaf hin jirre dhufee namni isa keessummeessu hin jirre, kan ofii isaatif maatii, ijoolle fi wantoota biroo kan Rabbi irraa isa fageessan hunda irraa bilisa ta'ee ta'i, inumaatuu akka nama keessummaa irra hamaa ta'i, innis nama karaa darbu kan biyya isaa barbaaduudhd; sababni isaas keessummaan biyya ormaa keessa taa'un akka nama biyyaa ta'uu mala waan ta'eef jecha, sun faallaa nama biyya isaa barbaada karaa darbuuti, isa haalli isaa ofirraa ba'aa salphisee, dhaabbachuun maletti biyya isaa gayuuf bololuudha. Akkuma namni imala deemu waan bakka imala isaatin isa gayu caalaa waan biroo hin barbaanne namni Mu'uminaas addunyaa keessatti waan bakka imala isaa isa geessu caalaa waan guddaa hin barbaadu.
Ibnu Umar gorsa kana hordofuun akkana jedha ture: Yoo siif bari'e galgala hin eegin, yoo dhihe immoo ganama hin eegin, namoota qabrii keessa jiranitti of lakkaa’i, jireenyi ilma namaa fayyaa fi dhibee irraa bilisa waan hin taaneef jecha. Yeroo fayyaa qabdu osoo hin dhibamin Rabbiif ajajamutti ariifachiisi, dalagaa gaarii dalaguun osoo dhibeen sitti hin dhufin saamadhu, jiruu dunyaa keetis osoo hin du'aan addunyaa kana irraa hin dabrin waan si fayyadurratti dabarsi,