عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ حَلَفَ فَقَالَ فِي حَلِفِهِ: وَاللَّاتِ وَالعُزَّى، فَلْيَقُلْ: لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَمَنْ قَالَ لِصَاحِبِهِ: تَعَالَ أُقَامِرْكَ، فَلْيَتَصَدَّقْ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4860]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:
«Namni kakatee kakaa isaa keessatti: laatiin, uzzaadhaan kakadhe jedhe, laa ilaaha illallaah haa jedhu, namni hiriyaa isaatiin kottu qumaara taphannaa jedhe sadaqaa haa kennatu».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4860]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbiin malee jiruun kakachuu irraa sodaachisu; mu'uminni Rabbiin malee waan biraatin hin kakatu. namni waan Rabbiin malee jiruun kakate; fakkeenyaaf akka nama: laatii fi uzzaadhaan kakatee- isaan lameen taabota islaamummaan dura yeroo wollalummaa keessatti gabbaramaa turani- laa ilaaha illallaah jechuun lubbuu ofii qaqqabuun isa irratti dirqama akka ta'e himani, shirkii irraa of qulqulleessuu fi kakaa isaa sanaaf kaffaaraa baasuuf jecha.
Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni hiriyaa isaatiin: kottu qumaara taphanna jedhe, -inni namoonni lamaa fi isaa ol ta'an gidduu isaaniitti maallaqa kan namni injifate fudhatu godhanii wol dorgomuudha, jara keessaa namni tokko buufachuu yookaan adabamuu irraa hin oolu-; waan gara isaatti waameef kaffaaraa akka isaaf ta'uuf jecha saddaqachuun jaallatamaa ta'a.