عَنْ أَبِي أُمَامَةَ الْبَاهِلِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
جَاءَ رَجُلٌ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: أَرَأَيْتَ رَجُلًا غَزَا يَلْتَمِسُ الْأَجْرَ وَالذِّكْرَ، مَا لَهُ؟ فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا شَيْءَ لَهُ» فَأَعَادَهَا ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، يَقُولُ لَهُ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا شَيْءَ لَهُ» ثُمَّ قَالَ: «إِنَّ اللَّهَ لَا يَقْبَلُ مِنَ الْعَمَلِ إِلَّا مَا كَانَ لَهُ خَالِصًا، وَابْتُغِيَ بِهِ وَجْهُهُ»
[صحيح] - [رواه النسائي] - [سنن النسائي: 3140]
المزيــد ...
Abuu Umaamaa Al-baahilii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namichi tokko gara nabiyyiitti dhufee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: namicha mindaa fi maqaan isaa dubbatamuu barbaadee duule agartee, maaltu isaaf jira? ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Homaa isaaf hin jiru» yeroo sadi irra deddeebi'uun gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadanuu «homaa isaaf hin jiru» jechuun deebisaniifi, eegasii nabiyyiin akkas jedhani: «Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu».
[sirrii] - - [sunana nasaa'ii - 3140]
Murtoo namicha mindaa Rabbiin irra barbaaduu fi nama birattis faaruu argachuuf jecha duulaa fi qabsoof ba'ee gafachuuf jecha namichi wohii gara nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, mindaa ni argataa? jedhee gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan homaa isaaf hin jiru jedhanii deebisaniifi; niyyaa isaa keessatti waan Rabbiin malee jiru waan qindeesseef jecha, namichi gaaffii isaa yeroo sadi'iif irra deebi'uun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis yeroo sadanuu deebiidhuma jalqabaa gadi jabeessanii, mindaan isaaf hin jiru jechuun deebisaniif, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaa hojiin Rabbiin biratti ittiin qeebalamtu isatti himani: Rabbiin hojii irraa hundi isaatuu osoo nama tokkollee isatti hin qindeessin Rabbiif jecha ta'uu fi fuula isaa barbaachuuf ta'u malee hin qeebalu.