عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَيْسَ الْمُؤْمِنُ بِالطَّعَّانِ وَلاَ اللَّعَّانِ وَلاَ الفَاحِشِ وَلاَ البَذِيءِ».

[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 1977]
المزيــد ...

Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, nama afaan badaas miti».

[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 1977]

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gosa isaaniitiin namoota kan aybeessu ta'uun, abaarsaa fi arraba heddummeessuun, hojii badaa hojjachuun, jecha safuu hin qabne dubbachuun hojii mu'umina iimaana guutuu qabuu akka hin taane himani.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. keeyyattoota shari'aa keessatti imaana dhabamsiisuun hojii haraamaa hojjachuun yookaan dirqama dhiisuun malee hin ta'u,
  2. waan badaa irraa qaama ofii eeguutti kakaasuutu keessa jira, keessattuu arraba.
  3. Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: jecha waan tokko keessatti honga ga'uu ibsuun dubbachuun(Axxa'aan, wolla'aan) woraansi arrabaa fi abaarsi xiqqoon nama isa haqa godhatuuf sifa iimaanaatiin waamamuu irratti homaa miidhaa akka hin qabne akeekuutu keessa jira.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإندونيسية Dabalata (50)