عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَيْسَ الْمُؤْمِنُ بِالطَّعَّانِ وَلاَ اللَّعَّانِ وَلاَ الفَاحِشِ وَلاَ البَذِيءِ».
[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 1977]
المزيــد ...
Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Mu'uminni kan akkaan arrabaan nama woraanuu miti, akkaan kan nama abaarus miti, gadhees miti, afaan badaa miti».
[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 1977]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gosa isaaniitiin namoota kan aybeessu ta'uun, abaarsaa fi arraba heddummeessuun, hojii badaa hojjachuun, jecha safuu hin qabne dubbachuun hojii mu'umina iimaana guutuu qabuu akka hin taane himani.