Tarree Hadiisotaa

hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira
عربي الإنجليزية الأوردية
“Amantii keenya kana keessatti waan isa keessa hin jirre namni argamsiise inni isuma irratti deebifamaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha
عربي الإنجليزية الأوردية
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
عربي الإنجليزية الأوردية
Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena
عربي الإنجليزية الأوردية
ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirree fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami
عربي الإنجليزية الأوردية
guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''
عربي الإنجليزية الأوردية
Iimaanni damee torbaatamii fi wohi -yookaan jaatamii fi wohi-, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhuudha, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu karaa irraa dabsuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamiitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa
عربي الإنجليزية الأوردية
Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee
عربي الإنجليزية الأوردية
''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti
عربي الإنجليزية الأوردية
Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti
عربي الإنجليزية الأوردية
Aayaa tokkollee taatu ana irraa geessaa, ilmaan israa'iil irraas odeessaa badii hin qabuutii, namni beekaa ana irratti sobe ibidda keessatti teessuma isaa haa mijjeeffatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitaabni Rabbii jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin
عربي الإنجليزية الأوردية
''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''
عربي الإنجليزية الأوردية
Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti
عربي الإنجليزية الأوردية
waan ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin na erganiin si erguu? siidaa kamuu isa dhabamsiiftu malee akka isa hin dhiifne, qabrii ol ka'ee mul'atu kamuu wol qixxeessitu malee akka hin dhiifne
عربي الإنجليزية الأوردية
Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa
عربي الإنجليزية الأوردية
‌Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti
عربي الإنجليزية الأوردية
“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule
عربي الإنجليزية الأوردية
“Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”
عربي الإنجليزية الأوردية
Ruqaan, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate, salaanni halkan afurtamaa isaaf hin qeebalamu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni amaanaan kakate nu irraayii miti
عربي الإنجليزية الأوردية
ani Rabbiinan kakadha -yoo Rabbi jedhe- ani waan wohii irratti kakadhee, wanti biraa irra caalaa ta'uun yoo natti mul'ate, kakaa koo irraa kaffaaraa baasee, isa irraa caalaa ta'e raawwadhu malee hin dhiisu
عربي الإنجليزية الأوردية
Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xiqqaadha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu
عربي الإنجليزية الأوردية
Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu
عربي الإنجليزية الأوردية
Malaa'ikonni imaltoota isaanin waliin saree fi bilbilli jiru waliin hin deeman
عربي الإنجليزية الأوردية
Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Nama jaalallee koo diineffate, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a
عربي الإنجليزية الأوردية
Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta'e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
“Mootonni ni argamu, isinis hojii isaanii irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada
عربي الإنجليزية الأوردية
Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan
عربي الإنجليزية الأوردية
Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi,
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi
عربي الإنجليزية الأوردية
Amantaa jechuun gaarii yaaduudha
عربي الإنجليزية الأوردية
yeroo worra isa irraa waan wol fakkaate hordofu agarte isaani worri Rabbiin jedhe, isaan irraa of eeggadhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati
عربي الإنجليزية الأوردية
Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu
عربي الإنجليزية الأوردية
nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin kakadhee gaala diimaa qabaachuu irra nama tokko Rabbiin sababaa keetin qajeelchuutu siif caala
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi
عربي الإنجليزية الأوردية
Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu
عربي الإنجليزية الأوردية
‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
عربي الإنجليزية الأوردية
Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warra isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha
عربي الإنجليزية الأوردية
''Finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)
عربي الإنجليزية الأوردية
Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama
عربي الإنجليزية الأوردية
''Jannanni gara tokkoo kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''
عربي الإنجليزية الأوردية
Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
عربي الإنجليزية الأوردية
Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani
عربي الإنجليزية الأوردية
Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a
عربي الإنجليزية الأوردية
laa ilaaha illallaah jedhi, guyyaa qiyaamaatti isiidhanin ragaa siif ba'aatii
عربي الإنجليزية الأوردية
Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha
عربي الإنجليزية الأوردية
Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama
عربي الإنجليزية الأوردية
Osoo isin hirkannaa dhugaa Rabbirratti hirkattanii, akka allaattii razzaqutti silaa isiniis razzaqa ture, ganama garaa duwwaa bobbaatee galgala garaa guuttattee deebiti
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, gidduu keessanittis isa haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa
عربي الإنجليزية الأوردية
“Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse,
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu
عربي الإنجليزية الأوردية
dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sana ifa galchee jira, namni toltuu tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa
عربي الإنجليزية الأوردية
Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee
عربي الإنجليزية الأوردية
toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama
عربي الإنجليزية الأوردية
yaa ilma Aadam hanga ati ana kadhattee ana kajeeltetti badii ati qabduu woliinan siif dhiisa homaas bakka itti hin kennu
عربي الإنجليزية الأوردية
Garbichi tokko badii wohii balleessee ka'ee akkas jedhe: yaa Rabbi badii koo naaf dhiisi
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni tokko dilii hojjetee, eegasii ka’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaatee, eegasii Rabbiin irraa araaama barbaadee jennaan, Rabbiin isaaf araaramu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka isaa diriirsa, Hanga aduun dhiha irraa baatutti
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a
عربي الإنجليزية الأوردية
Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Sahaabota koo hin arrabsinaa, tokkoon keessan osoo worqii hanga gaara uhud ga'u saddaqateellee, muddii tokkoo isaanii hin ga'u, wolakkaa isaatuu hin ga'u
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa gurbaa!, ani jechoota wahiitin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a
عربي الإنجليزية الأوردية
Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala
عربي الإنجليزية الأوردية
Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo mana fincaanii dhuftan Qiblaatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saa'ii tokkoo hanga muddii shaniitiin dhiqu yookaan dhiqatu ture, akkasumas muddii tokkoon wuduu'a godhatu ture
عربي الإنجليزية الأوردية
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti
عربي الإنجليزية الأوردية
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate
عربي الإنجليزية الأوردية
Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama
عربي الإنجليزية الأوردية
Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu
عربي الإنجليزية الأوردية
Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: «Ghufraanaka» jechuunis: ararama keen barbaada, jechuudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaanii rigatu turani
عربي الإنجليزية الأوردية
Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture
عربي الإنجليزية الأوردية
“Muslimni hundinuu torbaanitti guyyaa tokko dhiqachuuf dirqama qaba, yeroo sanatti mataa fi qaama isaa dhiqata”
عربي الإنجليزية الأوردية
“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”
عربي الإنجليزية الأوردية
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu
عربي الإنجليزية الأوردية
Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an
عربي الإنجليزية الأوردية
dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee
عربي الإنجليزية الأوردية
Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati
عربي الإنجليزية الأوردية
“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo sareen meeshaa tokkoo keessanii keessaa dhugdetti si'a torba isa haa dhiqu
عربي الإنجليزية الأوردية
Yemmuu Mu'azinni akkana jedhe: Allaahu Akbar, Allaahu Akbar
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
عربي الإنجليزية الأوردية
“Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate
عربي الإنجليزية الأوردية
Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu
عربي الإنجليزية الأوردية
waamicha salaataaf taasifamu ni dhageessaa?» namtichis eeyyeen nan dhaga'a jedhe, isaanis ni jedhaniin: «owwaadhu
عربي الإنجليزية الأوردية
“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?
عربي الإنجليزية الأوردية
Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha
عربي الإنجليزية الأوردية
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”
عربي الإنجليزية الأوردية
Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame
عربي الإنجليزية الأوردية
Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa
عربي الإنجليزية الأوردية
“Rabbiin ol ta'e akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode, Gabricha kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira
عربي الإنجليزية الأوردية
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”
عربي الإنجليزية الأوردية
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”
عربي الإنجليزية الأوردية
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi
عربي الإنجليزية الأوردية
Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan,
عربي الإنجليزية الأوردية
“Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”
عربي الإنجليزية الأوردية
Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuunan kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti
عربي الإنجليزية الأوردية
Humna torba irratti akkan sujuudu ajajame
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati
عربي الإنجليزية الأوردية
Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni salaata qorraa lamaan salaate Jannata seena
عربي الإنجليزية الأوردية
Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni salaata Asrii dhiise dhugaatti hojiin isaa jalaa bade
عربي الإنجليزية الأوردية
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sujuuda lamaan jidduutti akkana jedhu ture: "Yaa Rabbii kiyya, naaf araarami, yaa Rabbii kiyya, naaf araarami
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii
عربي الإنجليزية الأوردية
Yeroo salaattan tarree keessan qajeelchaa, eegasii tokkoon keessan imaama isiniif haa ta'u, yeroo inni Allaahu akbar jedhe isinis Allaahu akbar jedhaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee
عربي الإنجليزية الأوردية
“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”
عربي الإنجليزية الأوردية
Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi
عربي الإنجليزية الأوردية
Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'ee sujuuda isaa hin guutu
عربي الإنجليزية الأوردية
“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?
عربي الإنجليزية الأوردية
Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti
عربي الإنجليزية الأوردية
Irra caalaan Guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aati
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti
عربي الإنجليزية الأوردية
Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam
عربي الإنجليزية الأوردية
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalaata hunda booda isiidhaan zakkaru turani
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni duuba salaata hundatti Subhaanallaah yeroo soddomii sadii, Alhamdulillaah yeroo soddomii sadii, Allaahu Akbar yeroo soddomii sadii jedhe, kun sagaltamii sagal ta'a, dhibba guutuuf: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir jedhe, diliin isaa osoo akka hoomocha galaana bahr ta’ellee dhiifama argateera
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata zuhrii dura raka’aa afur, raka'aa lama ammoo salaata subhii dura salaatuu kan hin dhiisne turan
عربي الإنجليزية الأوردية
Gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira, gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira», eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nNama fedheefi
عربي الإنجليزية الأوردية
“Tokkoon keessan yeroo masjiida seene osoo hin taa’in raka’aa lama haa salaatu”
عربي الإنجليزية الأوردية
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)
عربي الإنجليزية الأوردية
Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati
عربي الإنجليزية الأوردية
“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara
عربي الإنجليزية الأوردية
Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e kan hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin ni jedhe: "yaa ilma Aadam kenni anis siifan kennaa
عربي الإنجليزية الأوردية
Namichi haala isa herregatuun maatii isaatiif yoo baase inni isaaf sadaqaadha
عربي الإنجليزية الأوردية
Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Meetii warqiidhaan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, qamadii qamadiin jijjiiruun dhala, hoodhuu fi as kenniin yoo tahe malee, garbuu garbuun jijiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, timira timiraan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii
عربي الإنجليزية الأوردية
Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuse, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa
عربي الإنجليزية الأوردية
Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu
عربي الإنجليزية الأوردية
Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala
عربي الإنجليزية الأوردية
Namoota qabeenya Rabbii haqaan maletti akka fedhanitti ittifayyadaman, isaaniif guyyaa qiyaamaa keessatti ibiddaatu jira
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin akkas jedhe: Sooma malee hojiin ilma Aadam hundi isaaf ta’a, soomni anaaf ta'a, anaatu isaan mindeessa
عربي الإنجليزية الأوردية
Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama
عربي الإنجليزية الأوردية
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani
عربي الإنجليزية الأوردية