+ -

عن عائشة رضي الله عنها قالت: سمعتُ من رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول في بيتي هذا:
«اللَّهُمَّ مَنْ وَلِيَ مِنْ أَمْرِ أُمَّتِي شَيْئًا فَشَقَّ عَلَيْهِمْ فَاشْقُقْ عَلَيْهِ، وَمَنْ وَلِيَ مِنْ أَمْرِ أُمَّتِي شَيْئًا فَرَفَقَ بِهِمْ فَارْفُقْ بِهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1828]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana koo kana keessati akkas jedhuun dhaga'e:
"Yaa Rabbi nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaan rakkise ati isa rakkisi, nama dhimma ummata kootii irraa waan tokko irratti muudamee isaanitti laaffise ati isatti laaffisi".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1828]

Ibsaa

Kadhaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda nama dhimmoota muslimootaa irraa dhimma tokko irratti muudame xiqqaas ta'ee guddaa, muudamni kun muudama walii galaas ta'ee yookaan muudama hanga murtaa'e tokkos haa ta'uu, yoo isaanitti laaffisuu dhiisee rakkina, gadadoo fi dhiphina isaanitti galche, Rabbiin ol ta'e fakkaataa hojii isaatiin isa irratti dhiphisuun galata isaaf galcha.
Namni isaanif laphee baatee dhimmoota isaaniis laaffiseef Rabbiin isatti laaffisee dhimmoota isaas isaaf laaffisa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni dhimma muslimootaa irraa waan tokko irratti muudame hanga danda'een isaanitti laaffisuun isa irratti dirqama.
  2. Mindaan fakkaataadhuma hojiitiidha.
  3. Madaalliin laaffisuu irraa yookaan dhiphisuu irraa waan ilaalamuu inni Qur'aanaa fi Hadiisa waan hin faallessiniini.