عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَوْلَا أَنْ أَشُقَّ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ -أَوْ: عَلَى أُمَّتِي- لَأَمَرْتُهُمْ بِالسِّوَاكِ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 252]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni jedhan:
«Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 252]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- osoo mu’mintoota irratti ni ulfaataa sodaan jiraachuu baatee, silaa salaata hundumaa wajjiin siwaaka fayyadamuu dirqama taasiisuuf akka ture himani.