tarreewwan damee

Galmee Hadisotaa

1. “Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga
عربي Ingiliffaa Orduu
2. “Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga
عربي Ingiliffaa Orduu
3. Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
4. “Yeroo Azaana dhageessan, fakkaatuma lallabaan jedhu jedhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
5. dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee
عربي Ingiliffaa Orduu
6. Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati
عربي Ingiliffaa Orduu
7. Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu
عربي Ingiliffaa Orduu
8. “Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
9. Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
10. Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze
عربي Ingiliffaa Orduu
11. “Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
12. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan
عربي Ingiliffaa Orduu
13. Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
14. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
15. Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan
عربي Ingiliffaa Orduu
16. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
17. Fakkeenyi nama daangaa Rabbii irra dhaabbatuu fi nama daangaa sana keessatti argamuu, akka fakkeenya ummata doonii irratti hixaa buufatanii, gariin isaanii gubbaa doonii argatanii, gariin immoo jala ishee argataniiti - 8 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
18. Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata
عربي Ingiliffaa Orduu
19. Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe
عربي Ingiliffaa Orduu
20. Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa” - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
21. Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
22. Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan isaan akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in
عربي Ingiliffaa Orduu
23. Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu
عربي Ingiliffaa Orduu
24. Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa
عربي Ingiliffaa Orduu
25. akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”
عربي Ingiliffaa Orduu
26. "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warra isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha
عربي Ingiliffaa Orduu
27. Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
28. “Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”
عربي Ingiliffaa Orduu
29. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba
عربي Ingiliffaa Orduu
30. wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
31. Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an
عربي Ingiliffaa Orduu
32. Anaa fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- osoo nuti lachuu janaabdaa qabnuu meeshaa bishaanii tokko irraa kan dhiqannu taane, marxifatutti na ajaju ture, anis nan marxifadha, eegasii osoon ani heydii(dhiiga ji'aa) qabuu qaama isaanitiin natti maxxanu ture,
عربي Ingiliffaa Orduu
33. Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera
عربي Ingiliffaa Orduu
34. Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii
عربي Ingiliffaa Orduu
35. Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
36. Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
37. mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti
عربي Ingiliffaa Orduu
38. Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera
عربي Ingiliffaa Orduu
39. Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban
عربي Ingiliffaa Orduu
40. “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
عربي Ingiliffaa Orduu
41. Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
عربي Ingiliffaa Orduu
42. “Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?
عربي Ingiliffaa Orduu
43. Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama - 6 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
44. Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan rukutaa, eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa
عربي Ingiliffaa Orduu
45. Guyyaa qiyaamaa keessatti miizaana mu’uminaa keessatti amala gaarii caalaa wanti ulfaatu hin jiru, Rabbiin nama baalagee safuu hin qabne ni jibba - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
46. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
47. “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru” - 6 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
48. “Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira,
عربي Ingiliffaa Orduu
49. Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi
عربي Ingiliffaa Orduu
50. “Gooftaan istighfaaraa - 4 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
51. “Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse, - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
52. Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​
عربي Ingiliffaa Orduu
53. Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi,
عربي Ingiliffaa Orduu
54. Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
عربي Ingiliffaa Orduu
55. Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
56. Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani
عربي Ingiliffaa Orduu
57. {Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi
عربي Ingiliffaa Orduu
58. Jedhi: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin Guddate, galanni baay'een Rabbiif haa ta'u, Rabbiin Aalamaa waan Isaaf hin malle irraa qulqullaaye, humnis mallis Rabbii injifataa, ogeessa ta’een malee hin jiru? - 6 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
59. “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”
عربي Ingiliffaa Orduu
60. Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisuu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha - 8 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
61. “Salaata dirqamaa hunda boodatti namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” yeroo soddomii afur”
عربي Ingiliffaa Orduu
62. “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
63. Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture
عربي Ingiliffaa Orduu
64. Nama jaalallee koo diineffate, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne - 2 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
65. “Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”
عربي Ingiliffaa Orduu
66. Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate
عربي Ingiliffaa Orduu
67. Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha
عربي Ingiliffaa Orduu
68. “Dhiirri qaama saalaa dhiiraa hin ilaalu, dubartiinis qaama saalaa dubartii hin ilaaltu
عربي Ingiliffaa Orduu
69. Malaa'ikonni imaltoota isaanin waliin saree fi bilbilli jiru waliin hin deeman
عربي Ingiliffaa Orduu
70. Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​
عربي Ingiliffaa Orduu
71. “Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”
عربي Ingiliffaa Orduu
72. Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis - 4 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu
73. Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha
عربي Ingiliffaa Orduu
74. “Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu
عربي Ingiliffaa Orduu
75. Namni duuba salaata hundatti Subhaanallaah yeroo soddomii sadii, Alhamdulillaah yeroo soddomii sadii, Allaahu Akbar yeroo soddomii sadii jedhe, kun sagaltamii sagal ta'a, dhibba guutuuf: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir jedhe, diliin isaa osoo akka hoomocha galaana bahr ta’ellee dhiifama argateera
عربي Ingiliffaa Orduu
76. Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
77. ‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
عربي Ingiliffaa Orduu
78. Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu
عربي Ingiliffaa Orduu
79. Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu - 6 ملاحظة
عربي Ingiliffaa Orduu