+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال:
سُئِلَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنْ أَكْثَرِ مَا يُدْخِلُ النَّاسَ الْجَنَّةَ، فَقَالَ: «تَقْوَى اللهِ وَحُسْنُ الْخُلُقِ»، وَسُئِلَ عَنْ أَكْثَرِ مَا يُدْخِلُ النَّاسَ النَّارَ فَقَالَ: «الْفَمُ وَالْفَرْجُ».

[حسن صحيح] - [رواه الترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 2004]
المزيــد ...

Abuu hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".

[hasan sahiiha] - [tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2004]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataafi nageenya isaan irratti haa buusu-irra guddaan sababoota jannata nama seensisanuu sababaa lama jechuudha ibsan, isaanis:
Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha.
Sodaan Rabbii: gidduu keetii fi gidduu adabbii Rabbiitti gaachana gochuudha, sun immoo ajaja Isaatti hojjachuu fi dhoorgaa Isaa irraa dhoorgamuuni.
Haala toluun: fuula ifuu, gaarii arjoomuu fi nama azaa gochuu irraa gabaabbachuun ta'a.
Irra guddaan sababoota ibidda seensisanii lamaadha, isaanis:
Arrabaa fi qaama saalaati.
Badii arrabaa irraa: kijiba, komii, namoota wolitti kakaasuuf haasaa olii gadi hafarsuu fi kanneen biros keessatti ni aragamu.
Badii qaama saalaa irraa: sagaagalummaa, liwaaxaa fi kan biroos keessatti ni aragamu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa foolaaniyyaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jannata seenuudhaaf sababoota Rabbitti rarra'antu jiru, isaan keessaa: sodaa Isaati, akkasumas sababboota namootatti rarra'antu jiru, isaan keessaa: haala toluudha.
  2. Hammeenya arrabni abbaa isaa irratti qabuudha, akkasumas inni sababoota ittiin ibidda seenan irraa ta'uudha.
  3. Hammeenya fedhiinii fi sagaagalummaan ilma namaa irratti qabuudha, akkasumas isaan irra hedduu sababoota ibidda nama seensisan irraa ta'uudha.