+ -

عن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«لَا يَحِلُّ لِرَجُلٍ أَنْ يَهْجُرَ أَخَاهُ فَوْقَ ثَلَاثِ لَيَالٍ، يَلْتَقِيَانِ، فَيُعْرِضُ هَذَا وَيُعْرِضُ هَذَا، وَخَيْرُهُمَا الَّذِي يَبْدَأُ بِالسَّلَامِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6077]
المزيــد ...

Abuu Ayyuub Al-ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6077]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni obboleessa isaa muslimaatiin halkan sadi'ii ol ooduu dhoorgani, isaan lameenuu yeroo wol arganutti wol irratti salaamataa hin jedhanu, akkasumas wolis hin haasofsiisanu.
Caalaan worra wol lolan lameen kanaa nama ooda dhabamsiisuuf yaali godhuu fi salaamataan eegaluudha, oodni asitti itti fedhame fedhii lubbuutiif jecha woliin ooduudha, haqa Rabbiitiif jecha ooduun immoo akka worra badii hojjatanuu fi worra baasaatiin ooduufaa, akkasumas waahila badaadhaan ooduu faa, kun yeroon hin daangeffamu, inni bu'aa oodaatti rarraafama, inni dhabamuun dhabama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Guyyaa sadii fi waan isaa gadii keessatti oodni eeyyamamaa ta'uudha, innis uumama ilmi namaa irratti uumame eeguuf jecha, guyyaa sadii keessatti oodni kan eeyyamameef haalli uumamaa sun akka deemuuf jecha.
  2. Sadarkaa salaamataan qabuudha, inni waan lubbuu keessaa ni haqa, akkasumas inni mallattoo jaalalaati.
  3. Islaamummaan miseesnsa isaa gidduutti obbolummaa fi tokkummaaddhaaf bololuu isaati.