1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha

عَنْ زِيَادِ بْنِ لَبِيدٍ رضي الله عنه قَالَ:
ذَكَرَ النَّبِيُّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ شَيْئًا، فَقَالَ: «ذَاكَ عِنْدَ أَوَانِ ذَهَابِ الْعِلْمِ» قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، وَكَيْفَ يَذْهَبُ الْعِلْمُ، وَنَحْنُ نَقْرَأُ الْقُرْآنَ وَنُقْرِئُهُ أَبْنَاءَنَا وَيُقْرِئُهُ أَبْنَاؤُنَا أَبْنَاءَهُمْ إِلَى يَوْمِ الْقِيَامَةِ؟ قَالَ: «ثَكِلَتْكَ أُمُّكَ زِيَادُ، إِنْ كُنْتُ لَأُرَاكَ مِنْ أَفْقَهِ رَجُلٍ بِالْمَدِينَةِ، أَوَلَيْسَ هَذِهِ الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى يَقْرَؤونَ التَّوْرَاةَ وَالْإِنْجِيلَ، لَا يَعْمَلُونَ بِشَيْءٍ مِمَّا فِيهِمَا؟!».

Ziyaad bin Labiid irraa akka odeeffametti -Rabbii isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha» yaa ergamaa Rabbii osoo nuti qur'aana qaraanee ilmaan keenya qaraasisnuu, isaanis nu boodaan hanga guyyaa qiyaamaatti ilmaan isaanii qaraasisanii beekumsi akkamitti bada? jedheen, isaanis «haati kee si dhabde yaa ziyaad jechuun!, irra hubataa worra madiinaati jedheen si ilaalan ture, kunoo yahuudonnii fi nasaaraan tawraatii fi injiiliin qara'aa hin jiranuu, garuu immoo waan isaan lamaan keessa jirutti homaa hin hojjatanu!?».

kanbirootiin sahiiha ibnumaajah odeesse sunana ibnu maajah - 4048

Ibsa

nabiyyiin haala sahaabota isaanii gidduu taa'aa turaniin yerocha sana kan isa keessa ilmiin namoota keessaa kaafamuu fi fuudhamu dubbatani, ziyaadi bin labiid al-ansaariin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ajaa'ibsiifachuun akkas jedhee nabiyyii -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, beekumsi akkamitti kaafamee nu harkaa bada? dhugaan qur'aana qaraanee qomatti isa qabannee jirra; Rabbiinan kakadha! ofiifis isa ni qaraana, dubartoota keenyaa fi ilmaan keenya, akkasumas ilmaan ilmaan keenyaas ni qaraasifna, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ajaa'ibsiifataa akkas jedhaniin: haati kee si haa dhabdu yaa ziyaad! beektota madiinaa irraan si lakkaawan turee mitii! eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun isaaf ibsani: beekumsa dhabuun qur'aana dhabuunii miti; garuu beekumsa dhabuun isaatti hojjachuu dhabuuni, kunoo tawraatii fi injiil yahuudaa fi nasaaraa bira jiraa mitii; sanumaan waliin isaan hin fayyanne, ergaa isaa irraas hin fayyadamne, inni waan baratanitti hojjachuudha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Qur'aanonnii fi kitaabonni yoo itti hin hojjanne harka namootaa jjiraachuun qofti homaa hin fayyaduudha.
  2. beekumsi kaafamuun wantootaan ta'a, isaan keessaa: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'uu, ulmaa'onni du'uu fi beekumsaan hojjachuu dhiisuuni.
  3. mallattoo qiyaamaa irraa beekumsi deemuu fi itti hojjachuu dhiisuudha.
  4. beekumsatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira, dhugumatti isatu barbaachisa waan ta'eefi.

Hiikkaawwan dhiheessuu

68 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
EL Ελληνικά اليونانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو