Tarree Hadiisotaa
1. Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani
عربي
الإنجليزية
الأوردية
2. Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- takkaayyuu kan hoonga gahanii kolfan hin argine, hanga laagaa isaanii argutti. ni seeqatu malee - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
3. Tokkoon keessan manaama jaallatu yeroo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yeroo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharrii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
4. Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban
عربي
الإنجليزية
الأوردية
5. Osoo mu'umintoota irratti -ykn ummata kiyya irratti- ulfaataa ta’uu baatee silaa salaata hundumaa irratti siwaaka akka fayyadaman isaan ajaja ture
عربي
الإنجليزية
الأوردية
6. Guyyaa gabroonni isa keessatti bariisifatan hunda keessatti malaa'ikoonni lama yoo gad bu’an malee hin hafu, tokkoon isaanii akkas jedha: Yaa Rabbi nama waa kenneef bakka bu’aa kenni, inni kaan immoo akkana jedha: Yaa Rabbi isa waa of biratti qabatu kan homaa hin kennineef badii kenni
عربي
الإنجليزية
الأوردية
7. Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee
عربي
الإنجليزية
الأوردية
8. Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
9. Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
10. Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture
عربي
الإنجليزية
الأوردية
11. Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
12. Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i
عربي
الإنجليزية
الأوردية
13. Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira - 6 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
14. Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani
عربي
الإنجليزية
الأوردية
15. Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti
عربي
الإنجليزية
الأوردية
16. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan
عربي
الإنجليزية
الأوردية
17. Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee
عربي
الإنجليزية
الأوردية
18. Tokkoon keessan yaada isaa Rabbitti tolchu malee akka hin duune
عربي
الإنجليزية
الأوردية
19. Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
20. Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane
عربي
الإنجليزية
الأوردية
21. Namoonni bakka walga’ii isa keessatti Rabbiin hin zakkarin tokko irraa ka'an taanan akka nama reeffa herree ka'ee ta'an malee hin hafan, akkasumas sun isaanitti gaabbii ta'u malee hin hafu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
22. Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti
عربي
الإنجليزية
الأوردية
23. Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
24. Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
25. Adabbii keessatti irra gadi aanaan warra ibiddaa nama kopheen lamaa fi funyoon kophee lama ibidda irraa isaaf ta'ee, Sababaa isaaniitiin sammuun isaa akka okkoteen danfutti kan danfuudha, kan isa caalaa adabamu jira jedhee hin yaadu, garuu inni adabbii keessatti irra gadi aanaa isaaniti
عربي
الإنجليزية
الأوردية
26. Guyyaa Qiyaamaa, mu’uminni Rabbii isatti ni dhiheeffama, hanga Rabbiin ol ta'e girdoo isaa irra kaa'ee, badii isaa ofiif akka ofirratti raggaasisu isa taasisa
عربي
الإنجليزية
الأوردية
27. Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu
عربي
الإنجليزية
الأوردية
28. Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha
عربي
الإنجليزية
الأوردية
29. Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
30. Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa
عربي
الإنجليزية
الأوردية
31. Namoonni afxira hanga ariifachiisanitti toltuu irratti ta'uu irraa hin deemani
عربي
الإنجليزية
الأوردية
32. Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture
عربي
الإنجليزية
الأوردية
33. Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe
عربي
الإنجليزية
الأوردية
34. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani
عربي
الإنجليزية
الأوردية
35. Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
36. sila waan isin sadaqattan Rabbiin isiniif hin goonee? Tasbiihin jedhamu hundi sadaqaadha, takbiiraan jedhamu hundi sadaqaadha, faaruun jedhamu hundi sadaqaadha, Laa Ilaaha Illallaah jechuun hundi sadaqaadha, toltuutti ajajuun sadaqaadha, badii irraa dhoorguunis sadaqaadha, wal qunnamtiin tokkoon keessan haadha manaa isaati waliin godhus sadaqaadha - 2 ملاحظة
عربي
الإنجليزية
الأوردية
37. Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura
عربي
الإنجليزية
الأوردية