+ -

عَنْ مُعَاذٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ:
كُنْتُ رِدْفَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَلَى حِمَارٍ يُقَالُ لَهُ عُفَيْرٌ، فَقَالَ: «يَا مُعَاذُ، هَلْ تَدْرِي حَقَّ اللَّهِ عَلَى عِبَادِهِ، وَمَا حَقُّ العِبَادِ عَلَى اللَّهِ؟»، قُلْتُ: اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: «فَإِنَّ حَقَّ اللَّهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقَّ العِبَادِ عَلَى اللَّهِ أَنْ لا يُعَذِّبَ مَنْ لا يُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا»، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلاَ أُبَشِّرُ بِهِ النَّاسَ؟ قَالَ: «لا تُبَشِّرْهُمْ، فَيَتَّكِلُوا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2856]
المزيــد ...

Mu'aaz irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2856]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa Rabbiin gabroottan irraa qabuu fi haqa gabroottan Rabbiirraa qaban if galchan, haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isatti waan tokko osoo hin qindeessin Isa qofa gabbaruudha, Haqni gabroonni Rabbirraa qaban worra Isatti homaa osoo hin qindeessine Isa tokkichoomsan azzabuu dhabuudha. Eegasii Mu'aaz ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, namoonni akka gammadanuuf tola guddaa kanaan isaan gammachiisuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan namoonni isa irratti hirkatanii hojii dhiisu jedhanii sodaataniif isa dhoorgani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa اليونانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haqa Rabbii ol ta'ee kan isa gabroota isaa irratti dirqama taasise ibsuutu keessa jira, inni osoo waan tokkollee Isatti hin qindeessin Isa gabbbaruudha.
  2. Haqa gabroottan Rabbii ol ta'e irraa qaban ibsuudha, haqichi isa Rabbiin tola Isa irraa ta'ee fi qananii Isaatiin lubbuu Isaa irratti dirqama taasiseedha, innis jannata isaan seensisuu fi isaan azzabuu dhabuudha.
  3. Worra Rabbiin tokkichoomsan kan Rabbiitti homaa hin qindeessineef gammachuu guddaatu isa keessa jira, itti galli isaani jannata seenuu ta'uudhaan.
  4. Badii beekumsa dhoksuun qabu keessa bu'uu sodaaf jecha mu'aaz hadiisa kana du'a isaatiin duratti odeesseera.
  5. Namoota garii biratti hadiisa garii facaasuu irraa eeggachuutti dammaqsuudha, sodaa namoota hiika isaa hubachuu hin dandeenyeetiif jecha; sun waan hojiin isa irratti hin hundoofne keessattii fi waan adabbiin shari'aa isa keessa hin jirre keessatti.
  6. Balleessitoonni worra tawhiidaa fedha Rabbii jala jiru, yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe immoo isaaniif dhiisa, eegasii deebiiin isaanii jannata ta'a.