+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«اجْتَنِبُوا السَّبْعَ الْمُوبِقَاتِ»، قَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ وَمَا هُنَّ؟ قَالَ: «الشِّرْكُ بِاللهِ، وَالسِّحْرُ، وَقَتْلُ النَّفْسِ الَّتِي حَرَّمَ اللهُ إِلَّا بِالْحَقِّ، وَأَكْلُ الرِّبَا، وَأَكْلُ مَالِ الْيَتِيمِ، وَالتَّوَلِّي يَوْمَ الزَّحْفِ، وَقَذْفُ الْمُحْصَنَاتِ الْمُؤْمِنَاتِ الْغَافِلَاتِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2766]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee _Rabbi isa irraa haa jaallatu_ Nabiyyiin _Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu_ akkana jedhan:
«Torban balleessituu taate irraa fagaadhaa» ni jedhan (sahaaboonni): yaa Ergamaa Rabbii maali isaan? ni jedhan: «Rabbitti shaarrakuu, haqaan maletti lubbuu Rabbiin haraama godhe ajjeesuu, dhala nyaachuu, qabeenya yatiimaa nyaachuu, guyyaa lolaa baqachuu fi shamarran mu'umintootaa tikfamoo ta'an kan haraama quba hin qabne maqaa isaanii baalagummaan xureessuudha».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2766]

Ibsaa

Rasuulli Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii dilii fi badiiwwan balleessituu taate torba irraa akka fagaatan ajajan, isiin maali jedhamee yeroo gaafatamanitti? ifa isii godhanii himan, isiinis:
Tokkoffaan: Rabbitti waan biraa qindeessuudha, bifa kamiinuu ta'u fakkaataa fi hiriyaa isaaf taasisanii, gosa gabbartii irraa isa kamuu waan Rabbbiin malee jiruuf dabarsanii kennuudha, shirkiin waan irra guddaa badii ta'eef jecha isaan eegalan.
Lammaffaan: falfala -inni waan hidhaa, ruqaa, dawaa fi aarsuu irraa ta'edha- inni nama falfalli itti godhame ajjeesuun, ykn dhukkubsuun qaama isarratti dhiibbaa fida, ykn haadha manaa fi abbaa manaa adda baasa, inni hojii shayxaanaati, irra hedduun isaa shirkii fi lubbuuwwan badduutti waan isiin jaallattuun itti dhihaachuun malee itti hin ga'amu.
Sadaffaan: lubbuu Rabbiiin isii ajjeessuu irraa dhoorge karaa shari'aan eeyyamuu kan bulchaan raawwatuun alatti ajjeesuudha.
Afraffaan: nyaachuunis ta'ee, yookaan karaa biraatiin itti fayyadamuun ta'ee dhala (ribaa) fudhachuudha.
Shanaffaan: qabeenya ijoollee xiqqoo osoo inni hin baallaghin abbaan isaa du'etti daangaa darbuudha.
Ja'affaan: lola kaafiraan woliinii irraa dheeysuudha.
Torbaffaan: shamarran bilisa ta'an kan sagaagalummaa irraa tikfamoo ta'an maqaa xureessuudha, akkasuma dhiiras maqaa xureessuun.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Badiiwwan gurguddoon torba qofaan hin daangeffamtu, isii kana addatti dubbachuun waan isiin guddoo fi hamtuu taateef jecha.
  2. Haqaaan yoo ta'e lubbuu ajjeesuun eeyyamamu hadiisicha irraa hubanna, sun akka gumaa baasuu, amantaa irraa garagaluu fi eega fuudhanii sagaagalummaa hojachuudhaati, sana bulchaa shari'aatu hojii irra oolcha.