1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. yaaminsaafii gorsa

Hadiisa “Mootonni ni argamu, isinis hojii isaanii irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada

عَنْ أُمِّ سَلَمَةَ أُمِّ المُؤمنين رضي الله عنها: أَنَّ رَسُولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«سَتَكُونُ أُمَرَاءُ فَتَعْرِفُونَ وَتُنْكِرُونَ، فَمَنْ عَرَفَ بَرِئَ، وَمَنْ أَنْكَرَ سَلِمَ، وَلَكِنْ مَنْ رَضِيَ وَتَابَعَ» قَالُوا: أَفَلَا نُقَاتِلُهُمْ؟ قَالَ: «لَا، مَا صَلَّوْا».

Ummu Salamaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Mootonni ni argamu, isinis hojii isaanii irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada" ni jedhan (sahaaboonni): Nuti isaanin loluu hin qabnuu? Isaanis ni jedhan: “Lakkii, waan isaan salaata salaataniin”.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 1854

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni nuti garii hojii isaanii waan isheen seera shari'aatiin wal galteef jecha beeknu, garii ishee immoo seera shari'aa waan faalleessituuf jecha kan morminu akka nu irratti muudaman himan. Namni qalbii isaa keessatti badii jibbee arrabaan itti dubachuu dadhabe; Cubbuu fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’e. Namni harka isaatiin ykn arraba isaatiin mormuu danda’ee isaan irratti gocha sana morme badii fi ishee keessatti hirmaachuu irraa nagaa bahe. Garuu namni hojii isaanii jaallatee isaan duuka bu’e akkuma isaan badanitti ni bada.
Eegasii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii gaafatan: Bulchiitoota amala kana qabaniin loluu hin qabnuu? isaanis sana irraa isaan dhoorganii, akkana jedhan: Lakkii, hanga isaan isin gidduutti salaata dhaabanitti isaanin hin lolinaa.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Wantoota Nabiyyummaa isaanii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama qajeelchan keessaa wantoota yeroo saniif hin jirre kan fuulduratti dhufan himanii akkuma isaan himanitti argamuu isaaniiti.
  2. Badii jaallachuu fi isa keessatti hirmaachuun akka hin taane fi isa balaaleffachuun dirqama akka ta'eedha.
  3. Mootonni waan shari’aa faallessu yoo hojjetan sana keessatti isaaniif ajajamuun hin hayyamamuudha.
  4. Bulchitoota Muslimootaa irratti fincila kaasuun hayyamamuu dhabuudha; Sababa badiin guddaan, dhangala’uun dhiigaatii fi tasgabbiin nageenyaa dhabuun sana faana dhufuuf jecha, rakkina isaanii irratti obsuutu sana irra salphaadha.
  5. Salaanni garaagarummaa kufrii fi Islaamummaa waan taateef jecha dhimmi ishee cimaa ta'uudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية