عن تميم الداري رضي الله عنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«الدِّينُ النَّصِيحَةُ» قُلْنَا: لِمَنْ؟ قَالَ: «لِلهِ وَلِكِتَابِهِ وَلِرَسُولِهِ وَلِأَئِمَّةِ الْمُسْلِمِينَ وَعَامَّتِهِمْ».

Tamiim addaarii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- dhugumaan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 55

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amantaan ikhlaasaa fi dhugummaa irratti akka gadi dhaabbate himan, akka Rabbiin dirqama godhetti hirdhinaan yookaan gowwoomsaan maletti akka geeffamuuf jecha.
Nabiyyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-nasiihaan eenyuuf taati jedhamanii gafatamnaan? akkana jedhan:
Tokkoffaaa: Gaarii Rabbiif -qulqullaa'e, ol ta'e- yaaduudha: hojii Isaaf qulqulleessuu fi isatti qindeessuu dhabuun, rabbummaa Isaatti, gabbaramummaa Isaatti, maqoowwan Isaa fi sifoowwan isaatti amanuuni, akkasumas ajaja Isaa kabajuu fi gara Isaatti amanutti nama waamuuni.
Lammaffaan: Kitaaba Isaatiif gaarii yaaduudha, inni Qur'aana kabajamaadha: haasawa Rabbii akka ta'e, kitaabota Isaa irraa kan dhumaa akka ta'ee fi shari'aa isa dura darbe hunda isaa kan jijjiire ta'uu isaatti amanuudha, isa ni kabajna, qaraatii dhugaa isa qaraana, murtoo isaatti ni hojjanna, wol fakkaattoo isaas ni fudhanna, jalliftoonni isa dabsuu irraas ni deebifna, gorsa isaatiin ni gorfamna, beekumsa isaa ni faccaafna, gara isaattis ni waamna.
Sadaffaan: Ergamaa Isaa Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaarii yaaduudha: Ergamaa xumuraa akka ta'an amanuu fi waan ittiin dhufan keesssatti isaan dhugoomsuudha, ajaja isaanii hojii irra oolchuu fi waa isaan dhoorgan irraa fagaachuudha, akkasumas waan isaan ittiin dhufaniin malee Rabbiin gabbaruu dhabuudha, haqa isaanii guddisuu, isaan kabajuudha, waamicha isaanii tamsaasuu, sharii'aa isaanii raabsuu fi maqa baleessii isaan irratti deemu mormuudha.
Afraffaan: Dureewwan muslimootaatiif gaarii yaaduudha: haqa irratti isaan gargaaruu, aangoo isaan irratti qabuu dhabuu fi Rabbiin buluu keessatti isaaniif ajajamuudha.
Shanaffaan: Muslimoota hundaaf gaarii yaaduudha: tola isaanitti oluunii fi isaan waamuuni, akkasumas dhiibbaa isaan irraa qabuu, toltuu isaaniif jaallachuu, toltuu fi sodaa Rabbii keessatti isaaniin wol gargaaruuni.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Hundaaf gaarii yaaduutti ajajuudha.
  2. Sadarkaan nasiihaan amantii keessatti qabu guddaa ta'uudha.
  3. Amantaan aqiidaawwan, jechoowwanii fi hojiiwwan of keessatti hammachuudha.
  4. Nasiihaa irraa nama gaariin yaadamuuf gowwoomsuu irraa lubbbuu qulqulleessuu fi toltuu isaaf fedhuudha.
  5. Bareeduma barsiisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko akka walii galaatti dubbatanii ka'anii eegasii adda babaasanii yeroo ibsan.
  6. Waan irra yaachisaan eegasii irra yaachisaan jalqabuudha, akkasumatti walitti aansuun, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif gaarii yaaduun eegalanii, eegasii kitaaba Isaa itti aansan, eegasii ergamaa isaati itti aansan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii immoo dureewwan muslimootaa fi hunduma isaaniitiin xumuran.

Hiikkaawwan dhiheessuu

69 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
EL Ελληνικά اليونانية
AK Akan الأكانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو