+ -

عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«إنَّ الرُّقَى والتَمائِمَ والتِّوَلَةَ شِرْكٌ».

[صحيح] - [رواه أبو داود وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 3883]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Masu'ud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha".

[sirrii] - [abuu daawud, ibnu maajah, ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 3883]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota isii hojjachuun shirkii irraa lakkaa'amu ibssniiru; isii keessa:
Tokkoffaan: Ruqaadha: inni haasawa worroonni jaahiliyyaa ittiin dawaa godhatan kan shirkii of keessatti qabatuudha.
Lammaffaan: Masubaa fi kan sana fakkaatu irraa waan rarraafatamu,: ija akka deebistuuf jecha isii ijjoollee, horii fi kan biroo irratti fannifamtuudha.
Sadaffaan: Tiwalaadha (jaallachiistuu): isii haadha manaa fi abba manaa wol jaallachiisuuf jecha hojjatamtuudha.
Wontootni tun shirkii irraayi; isiin waan tokko sababa gochuu irraa waan taateef jecha, inni sababa shari'aa kan ragaan ragga'ee miti, akkasumas sababa mul'ataa yaaliin ragga'es miti. Sababoowwan shari'aa kan akka qur'aana qara'uufaa, yookaan sababoowwan mul'atoo ta'an kan akka dawaawwan yaaliin ragga'aniifaa, isiin sababoota irraayi jedhanii amanuu waliin eeyyamamtuudha, dhugumatti fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii jira.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa foolaaniyyaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Tawhiidaa fi Aqiidaa waan isa hir'isu irraa eeguudha.
  2. Ruqaa shirkii irraa ta'e, hirzii fi wan wol jaallachiisu fayyadamuun haraama ta'uudha.
  3. Wantoota tanneen sadan sababa jedhanii amanuun: isiin shirkii xiqoodha; waan sababa hin taane sababa taasisuu waan ta'eef, yoo matuma isiitiif fayyaddis miitis jedhee amane immoo inni shirkii guddaa irraayi.
  4. Sababoowwan shirkii fi haraama ta'an hojjachuu irraa sodaachisuudha.
  5. Ruqaan waan isii irraa karaa godhameen ala haraama godhamuu isiitii fi dhugumatti isiin shirkii irraa ta'uudha.
  6. Qalbiin Rabbii tokkicha qofa irratti rarra'uu qabdi, faaydaa fi miidhaan isuma qofa irraayi, shariikni isaaf hin jiru, Rabbiin malee toltuun hin dhufu, akkasumas Rabbii ol ta'e malee hamtuus kan deebisu hin jiru.
  7. Ruqaan eeyyamamtuu taate isii ulaagaa sadii of keessatti qabatteedha: 1- Isiin sababa eeyyama Rabbiitiin malee hin fayyaddu jedhanii amanuudha. 2- Qur'aana, maqoowwan Rabbiitii fi sifaata Isaatiin, akkasumas du'aa'ii nabiyyii fi du'aa'ii karaa godhameen ta'uudha. 3- sarara sararuu fi gowwomsaa kan of keessatti hin qabannee fi afaan hubatamuun ta'uudha.