عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بنِ عُمرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«كُلُّكُمْ رَاعٍ فَمَسْئُولٌ عَنْ رَعِيَّتِهِ، فَالأَمِيرُ الَّذِي عَلَى النَّاسِ رَاعٍ وَهُوَ مَسْئُولٌ عَنْهُمْ، وَالرَّجُلُ رَاعٍ عَلَى أَهْلِ بَيْتِهِ وَهُوَ مَسْئُولٌ عَنْهُمْ، وَالمَرْأَةُ رَاعِيَةٌ عَلَى بَيْتِ بَعْلِهَا وَوَلَدِهِ وَهِيَ مَسْئُولَةٌ عَنْهُمْ، وَالعَبْدُ رَاعٍ عَلَى مَالِ سَيِّدِهِ وَهُوَ مَسْئُولٌ عَنْهُ، أَلاَ فَكُلُّكُمْ رَاعٍ وَكُلُّكُمْ مَسْئُولٌ عَنْ رَعِيَّتِهِ».
المزيد
Abdullah bin Umar irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- akkana jedhan:
"Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".