1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”

عَنْ عُثْمَانَ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَا مِنَ امْرِئٍ مُسْلِمٍ تَحْضُرُهُ صَلَاةٌ مَكْتُوبَةٌ فَيُحْسِنُ وُضُوءَهَا وَخُشُوعَهَا وَرُكُوعَهَا، إِلَّا كَانَتْ كَفَّارَةً لِمَا قَبْلَهَا مِنَ الذُّنُوبِ، مَا لَمْ يُؤْتِ كَبِيرَةً، وَذَلِكَ الدَّهْرَ كُلَّهُ».

Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe:
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 228

Ibsa

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, Muslimni kamiyyuu yeroon salaata dirqamaa isatti dhaqqabee jennaan ka'ee wuduu’a bareechee guutee godhatee, eegasii bakka qalbii fi qaamni isaa guddina Isaa of dura qabaa haala ta'een Rabbitti garagalaa ta'etti salaata isaa khushuu'a eeggatee, hojiilee ishee kan rukuu'aa, sujuudaa fi kan biroo guutee sirnaan salaatee, waan inni badiiwwan gurguddoo hin hojjatiniin salaanni tun badiiwwan xixiqqoo irraa waan ishee duratti dabre isaaf haqxuu taatu malee akka hin hafne ibsaniiru, sadarkaan kun yeroo fi salaata hundumaa keessatti ni jiraata.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. salaatni diliiwwan namarraa harcaaftu ishee gabrichi wuduu'a ishee tolchee godhatee, khushuu'aan fuula Rabbii ol ta'ee isheen kan barbaadu haala ta'een salaateedha.
  2. Sadarkaa hojii ibaadaa irratti cichuun qabuu fi sun diliiwwan xixiqqoof sababaa araaramaa akka ta'eedha.
  3. Sadarkaa wuduu’a bareechanii godhachuu fi salaata khushuu'aan Rabbi sodaan bareechanii salaatuun qabuudha.
  4. Diliiwwan xixiqqoof dhiifama argachuuf diliiwwan gurguddoo irraa fagaachuun barbaachisaa ta'uudha.
  5. Diliiwwan gurguddoon towbaadhaan malee akka hin dhiifamneedha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

57 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية