+ -

عن أبي سعيد الخُدْريِّ رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«‌مَنْ ‌رَأَى ‌مِنْكُمْ ‌مُنْكَرًا فَلْيُغَيِّرْهُ بِيَدِهِ، فَإِنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِلِسَانِهِ، فَإِنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَبِقَلْبِهِ، وَذَلِكَ أَضْعَفُ الْإِيمَانِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 49]
المزيــد ...

Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 49]

Ibsaa

Nabiyyiiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga dandeettiitiin badii jijjiiruutti ajajan- inni hunda waan Rabbii fi Ergamaan Isaa irraa dhoorganiidha- Yeroo badii arge dandeettii kan qabu yoo ta'e harkaan jijjiiruun isa irratti dirqama ta'a, Sana yoo dadhabe immoo arraba isaatiin haa jijjiiru nama badii hojjatu badii sana irraa isa dhoorgee miidhaa isaa ifa isaaf gochee eegasii bakka badii kanaa gara toltuutti isa qajeelchuun, Sadarkaa isa kana yoo dadhabe immoo qalbii isaatiin haa jibbu, badiicha jibbuunii fi jijjiiruu kan danda'u osoo ta'ee nan jijjiira jedhee murteeffachuun, Badii jijjiiruu keessatti qalbiin jibbuun irra dadhabaa sadarkaa iimaanaati.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa اليونانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa badii ittiin jijjiiran ibsuu keessatti hadiisichi bu'uura.
  2. Badii irraa dhoorguu keessatti sadarkaa sadarkaan dhoorguutti ajajuudha, hunduu akkuma dandeettii fi humna isaatiini.
  3. Amantii islaamaa keessatti badii irraa dhoorguun hulaa guddaa kan eenyuu irraayyuu hin kufneedha, hundi muslimaatuu akka dandeettii isaatiin itti dirqamsiifama.
  4. Toltuutti ajajuu fi badii irraa dhoorguun gosa iimaanaa irraayi, iimaanni ni dabalas ni hirdhatas.
  5. Badii irraa dhoorguu keessatti hojiin sun badii ta'uu beekuun ulaagaa taasifama.
  6. Akkasumas badii jijjiiruu keessatti badii irra guddaa fiduu dhabuunis ulaagaa taasifama.
  7. Badii irraa dhoorguuf namuusaa fi ulaagaalee muslima irratti isii barachuun barbaacisaa ta'eetu jira.
  8. Badii irraa dhoorguun adeemsa shari'aa, beekumsaa fi hubannootti haajama.
  9. Qalbiin jibbuu dhabuun dadhabina iimaanaatti akeeka.