عن عثمان بن عفان رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ خَرَجَتْ خَطَايَاهُ مِنْ جَسَدِهِ حَتَّى تَخْرُجَ مِنْ تَحْتِ أَظْفَارِهِ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 245]
المزيــد ...
Usmaan ibnu Affaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 245]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni sunnaa wuduu'aa fi namuusa isaa eeggatee wuduu'a godhate, sun sababaa badiin ittiin haqamuu fi diliin dhiifamuu akka ta'e himani, hanga badiin isaa qeensa isaa miilaa fi harka isaa lamaan jalaan ba'utti.