+ -

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِيَّاكُمْ وَالدُّخُولَ عَلَى النِّسَاءِ» فَقَالَ رَجُلٌ مِنَ الأَنْصَارِ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أَفَرَأَيْتَ الحَمْوَ؟ قَالَ: «الحَمْوُ المَوْتُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5232]
المزيــد ...

Uqbaa bin Aamir irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Dubartoota irratti seenuu irraa of eeggadhaa». Namichi warra Ansaaraa irraa tahe tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii fira abbaa manaa yoo tahe hoo? isaanis akkas jedhan: «Firri abbaa manaa du'a».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5232]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartoota alagaa walitti akka hin makamne akeekkachiisuun akkana jedhan: isin dubartootatti seenuu, dubartoonnis isinitti seenuu irraa lubbuu teessan eegaa.
Namichi warra Ansaaraa tokko akkana jedhe: Fira abbaa manaa yoo tahe hoo? Kan akka obboleessa abbaa manaa, ilma obboleessa isaa, adeera isaa, ilma adeera isaa, ilma obboleettii isaa fi kan kana fakkaatan, warra yoo isiin kan hin heerumne taate, isaanitti heerumuun isiif hayyamamu irraa.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma du'a irraa of eeggattan isa irraa of eeggadhaa! jedhan, Sababni isaas firoota abbaa manaa wajjin kophaa ta’uun qorumsa fi badii amantiitti nama geessa, firoonni abbaa manaa kan abbaa isaa fi ijoollee isaa hin tahin alagaa caalaa dhoorgamu qaban, Sababni isaas fira abbaa manaa wajjin kophaa ta'uun nama biraa wajjin kophaa ta'uu caalaa miidhaa fida waan ta'eef jecha, akkasumas namoota biroo caalaa hammeenyi isaa badaa waan ta'eef jecha, fitnaan isaan argamuun caalaatti danda'ama; sababni isaas mormii tokko malee dubartii sana bira gahuu fi kophaa ishee waliin taa'uu waan danda'uuf jecha, akkasumas isa irraa hafiinsi waan hin danda'amneef jecha, isa ishee irraa dhoorguunis hin mijjatu, namichi haadha manaa obboleessa isaa wajjiin kophaa bahuu aadatti waan laaffisaniif jecha; kanaaf inni fokkinaa fi badii qabaachuu keessatti du'atti fakkaata, alagaan immoo akkasii miti; sababni isaas fagootti irraa of eeggannoon gadhama waan taheef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dubartoota fira dhihoo irratti seenuu fi isaan waliin kophaa ta’uu dhoorguudha, balbala badii raawwachutti geessu cufuuf jecha.
  2. Kun obboleessa abbaa manaa fi firoottan isaa kan dubartiif fira dhihoo hin tahin hunda qabata, dubartitti seenun isheedhaan waliin kophaa bahutti kan nama geessu tahuun ilaalcha keessa galu qaba.
  3. Hamtuutti kufuu sodaachuuf jecha, walumaagalatti eddoolee dogongora keessa nama galchuu danda'an irraa fagaachuun barbaachisaa dha.
  4. Nawawiin akkana jedhe: Ulamaa'onni afaan arabiffaa obboleessa abbaa warraa jechuun, firoota abbaa manaa isaa, kan akka abbaa isaa, adeera isaa, obboleessa isaa, ilma obboleessa isaa, ilma abbeeraa isaa fi kan kana fakkaatan ta’uu irratti waliigalaniiru. Akkasumas "aktaan" kan jedhu firoota haadha manaa namichaa akka ta’an, warri soddaa immoo gosa lamaan irratti akka dubbatamu waliigalaniiru.
  5. (Abbaa manaa) du'aan wal fakkeessan, Ibnu hajar akkas jedhe: Araboonni waan jibbamaa tokko du'aan wal fakkeessanii ibsu, akkataan wal fakkeenya isaas yoo badiin argame inni du'a amantititi, yoo badiin argamee dhagaadhaan cafaqanii ajjeesuun dirqama tahe immoo inni du'a namicha dubartiin kophaa baheeti fi abbaa manaa ishee irraa adda bahuun halaakamuu dubartiiti, yoo hinaaffaan akka ishee hiiku isa goote.