عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا يَسْتُرُ عَبْدٌ عَبْدًا فِي الدُّنْيَا إِلَّا سَتَرَهُ اللهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2590]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2590]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimni kamiyyuu dhimma dhimmoota irraa ta'e wahii keessatti obboleessa kan muslimaa sattaree jennaan, Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee akka hin hafne ibsan; galatni gosa hojiitiin waan ta'eef jecha, Rabbiin dhoksuufin, qaanyii fi badiin isaa akka namootatti hin mul'anne taasisuuni, irratti isa herreguu dhiisuu fi isatti kaasuu dhabuunis ta'u danda'a.