عَنْ جَابِرٍ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَبْلَ وَفَاتِهِ بِثَلَاثٍ يَقُولُ:
«لَا يَمُوتَنَّ أَحَدُكُمْ إِلَّا وَهُوَ يُحْسِنُ بِاللهِ الظَّنَّ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2877]
المزيــد ...
Jaabiir irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du’a isaanii dura guyyaa sadiin kan akkas jedhuun dhaga’e:
«Tokkoon keessan yaada isaa Rabbitti tolchu malee akka hin duune».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2877]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimni yaada gaarii Rabbiif yoo qabaate malee akka hin duune kakaasaniiru, yeroo du’u kajeellaa Rabbi irraa qabuuf dursa kennuudhaan Rabbi akka isaaf araaramu dhiifamas akka isaaf godhu yaadu qaba; Hojii ofii bareechuuf sodaaf waan barbaachisaa waan ta'eef jecha. Haalli sun haala hojiileetii miti, kanaaf ishee keessatti barbaachisaan kajeellaan caaluudha.