1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لاَ يُصَلِّي أَحَدُكُمْ فِي الثَّوْبِ الوَاحِدِ لَيْسَ عَلَى عَاتِقَيْهِ شَيْءٌ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 359

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni tokko osoo ceekuu isaa lamaan irra waan isa dhoksu hin kaayin uffata tokko keessatti akka hin salaanne dhoorgan; sababni isaas ceekuun lamaan qaama dhokatuu qabu (awraa) yoo ta’uu baatanillee isaan haguuguun barbaachisaa waan ta'eef jecha. kun yeroo Rabbii ol ta'e dura dhaabbatanii salaatan, isa kabajuu fi ulfina kennuufitti dhihaata.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Uffata tokko uffachuun waan haguugamuu qabu kan haguugee yoo ta’e salaatuun ni hayyamamaadha.
  2. Uffata lama uffachuun salaatuun ni danda’ama, tokkoon isaanii qaama gara gubbaa kan haguugu yoo ta'u, inni kaan immoo jala kan haguuguudha.
  3. Namni salaatu haala gaarii irra jiraachuun isaa ni jaallatamaadha.
  4. Salaata keessatti hanga danda'ameen ceekuu lamaan ykn tokkoo isaan lamaanii dhoksuun dirqama ta'uudha, dhoorgaan kun qulqullummaafi jedhameera.
  5. Sahaabonni, Rabbiin irraa haa jaallatu, qabeenya xiqqoo akka qabaniidha, hanga gariin isaanii uffata lama horachuu hin dandeenyetti.
  6. Nawawiin hiika hadiisa kanaa ilaalchisee akkas jedhe: Ogummaan hadiisaa kanaa yeroo uffata isaa tokko marxifatee ceekuu isaa irra homaa hin kaayin awraan isaa(qaamni dhuunfaa isaa) mul'achuun mala, kun faallaa yeroo garii isaa ceekuu isaa irra godheeti, Akkasumas harka isaa tokkoon ykn harka isaa lamaanin isa qabachuutti haajama, sanaan shaaghalamee, sunnaan harka mirgaa bitaa irra kaa'ee qoma irra kaa'uu dhaba, bakka harka ol kaasuun itti karaa ta'ettis ol kaasuu fi kan biroos isaaf mijjachuu dhabu danda'a, sababni isaas isa keessatti qaama gubbaa fi bakka faayaa haguuggachuu dhiisuun waan jiruuf jecha, Rabbiin ol ta'e dhugumatti akkan jedhe: {Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa} [Al-A’araaf: 31].

Hiikkaawwan dhiheessuu

48 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
NE नेपाली النيبالية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية