1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti ira jaallatamaa ta'an hin jiru» guyyoota kurnan jechuudha

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«ما مِنْ أيَّامٍ العمَلُ الصَّالِحُ فيها أحبُّ إلى اللهِ مِن هذه الأيام» يعني أيامَ العشر، قالوا: يا رسُولَ الله، ولا الجهادُ في سبيلِ الله؟ قال: «ولا الجهادُ في سبيلِ الله، إلا رجلٌ خَرَجَ بنفسِه ومالِه فلم يَرْجِعْ من ذلك بشيءٍ».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti ira jaallatamaa ta'an hin jiru» guyyoota kurnan jechuudha, yaa ergamaa Rabbii, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee moo? jedhani, isaanis ni jedhani: «Eeyyeen karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee, namicha lubbuu isaatii fi qabeenya isaatiin ba'ee sana keessaa homa tokkoon kan hin deebine yoo ta'e malee».

sirrii bukhaariifii abuudawud odeessan jechi kanisaati Sunana abbaa daawud - 2438

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurnan jalqabaa baatii zul hijjaa keessa hojjatamu guyyoota woggaa hunda keessatti kan hojjatamu akka caalu ibsani.
sahaabonni -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- kurnan kanaan alatti qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuutu irra caala moo guyyoota kurneessituu kana keessatti hojii gaarii hojjatamuutu irra caala jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uun irra caalaa hojii ta'uun isaa isaan biratti ragga'aa waan tureef jecha.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurneessituu kana keessatti hojjatamu guyyoota biroo keessatti karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irraa caala jechuun deebisaniif, namicha karaa Rabbii keessatti lubbuu isaatii fi qabeenya isaa aarsaa taasisuun qabsoof ba'ee, qabeenya isaa dhabee lubbuun isaas karaa Rabbii keessatti baate yoo ta'e malee. kana qofa kan hojii gaarii guuyyoota kurnan caaltuu taate kana kessatti hojjatamu caalu.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. sadarkaa hojiin gaarii guyyoota kurnan zul hijjaa keessatti hojjatamu qabuudha, muslima irratti guyyoota kanatti fayyadamuu fi isa keessatti zikrii Rabbii, qur'aana qara'uu, Allaahu Akbar, laa ilaaha illallaah, Rabbiin faarsuu, salaata, sadaqaa, soomaa fi hunda hojii toltuu irraa ibaadaa heddummeessuutu irra jiraata.

Hiikkaawwan dhiheessuu

63 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية