عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه:
أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَرَأَ فِي رَكْعَتَيِ الْفَجْرِ: {قُلْ يَا أَيُّهَا الْكَافِرُونَ}، وَ{قُلْ هُوَ اللهُ أَحَدٌ}.
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 726]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan:
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 726]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- erga Faatihaa qara'anii booda raka'aa lamaan subhii duraa keessatti raka'aa duraa keessatti suuraa {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun}, Raka'aa lammaffaa keessatti ammoo Suuraa {Qul huwa Allahu Ahad} iin salaatuu jaallatan ture.