عن أنس رضي الله عنه، قال:
قال رسول الله صلى الله عليه وسلم لأبي بكر وعمر: «هذان سَيِّدا كُهُول أهل الجنة من الأوَّلِين والآخِرين إلا النبيِّين والمرسلين».
[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 3664]
المزيــد ...
Anas irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Abuu Bakarii fi Umariin ilaalchisee akkana jedhan: «Isaan lamaan kun sayyidoota giddu galeessa warra jannataati, warra duraati boodaa irraa, Nabiyyoota fi Ergamtoonni osoo hafanii».
[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 3664]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Abuu Bakarii fi Umar -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- nabiyyootaa fi ergamtoota booda ilma namaa hunda akka caalaan akkasumas Nabiyyootaa fi ergamtoota booda jannata seenuuf nama hundarra akka dursan himan.