+ -

عَنْ مَالِكِ بْنِ أَوْسِ بْنِ الْحَدَثَانِ أَنَّهُ قَالَ: أَقْبَلْتُ أَقُولُ مَنْ يَصْطَرِفُ الدَّرَاهِمَ؟ فَقَالَ طَلْحَةُ بْنُ عُبَيْدِ اللهِ وَهُوَ عِنْدَ عُمَرَ بْنِ الْخَطَّابِ رضي الله عنهما: أَرِنَا ذَهَبَكَ، ثُمَّ ائْتِنَا، إِذَا جَاءَ خَادِمُنَا، نُعْطِكَ وَرِقَكَ، فَقَالَ عُمَرُ بْنُ الْخَطَّابِ: كَلَّا، وَاللهِ لَتُعْطِيَنَّهُ وَرِقَهُ، أَوْ لَتَرُدَّنَّ إِلَيْهِ ذَهَبَهُ، فَإِنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«الْوَرِقُ بِالذَّهَبِ رِبًا، إِلَّا هَاءَ وَهَاءَ، وَالْبُرُّ بِالْبُرِّ رِبًا، إِلَّا هَاءَ وَهَاءَ، وَالشَّعِيرُ بِالشَّعِيرِ رِبًا، إِلَّا هَاءَ وَهَاءَ، وَالتَّمْرُ بِالتَّمْرِ رِبًا، إِلَّا هَاءَ وَهَاءَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1586]
المزيــد ...

Maalik bin Aws bin Al-Hadasaan akkana jedhe: akkas jechuu jalqabe “Eenyutu dirhama kana jijjiira? Xalhaa bin Ubeydillaah osoo Umar bin Khaxxaab bira jiruu Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu akkas jedhe: Warqii kee nutti agarsiisi mee, ergasii gara keenya koottu, yeroo khaadimni keenya dhufe waraqaa kee siif kennina, Umar bin Al-Khaxxaab akkana jedhe: Lakki Rabbiin kakadhe, waraqaa isaa ni kennitaaf ykn warqii isaa ni deebiftaaf: Sababni isaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Meetii warqiidhaan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, qamadii qamadiin jijjiiruun dhala, hoodhuu fi as kenniin yoo tahe malee, garbuu garbuun jijiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, timira timiraan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1586]

Ibsaa

Taabi'iin Maalik bin Aws diinaara warqii akka harkaa qabuu fi dirhama meetiitiin jijjiiruu akka barbaade hima. Xalhaa bin Ubeydillaah -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedheen: Diinaara kee nan ilaalaa as kenni! Achiis erga bitachuuf murteessee booda akkana jedheen: Khaadimni keenya yeroo dhufe gara keenya koottu, akka nuti dirhama meetii siif kenninuuf jecha, Umar bin Al-khaxxaab -Rabbiin irraa haa jaallatu- eddoo sana ture, gocha kana ni morme, amma metii san akka kennuuf, ykn warqii isaa kan isa irraa fudhate san akka deebisuuf Xalhaatti kakate, sababaa sanaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi Rahmanni irra haa jiraatu- gurgurtaan meetii fi warqii , ykn faallaa isaa yeroo raawwatamu kallattiin wal harkaa fuudhinsi akka jiraatuu qabu kan eeran tahuun ibse. Yoo kana hin taane ammoo daldalli kun dhala haraamaa, gurgurtaa cubbuu taha. Warqiin meetiidhaan hin gurguramu, meetiinis warqiin hin gurguramu, harkaaf harkattii yoo raawwatame malee, qamadii qamadiin, garbuu garbuun, timira timiraan gurguruun hin danda’amu, yoo wal qixa, miizaana, safarrii keessatti tokko tahee harkatti tahe malee, kana irraa wanti ammaa waan boodatti hin gurguramu, osoo wal harkaa hin fuunes gargar bahuun hin danda'amu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gosoonni hadiisa kana keessatti ibsaman shani: Warqii, meetii, qamadii, garbuu fi timira. Gurgurtaan waan gosa tokkoo kana keessatti kan raawwatamu yoo ta’e, gurgurtaa sirrii tahuuf ulaagaa lama qabaachu qaba: Eddoo sanatti warkaa fudhachuu fi miizaana keessatti wal fakkaataa tahuudha, sunis warqii warqiidhaan akka jijjiiruuti, yoo san hin tahin dhala caalumsaa taha. Yoo garaagarummaan argame Fakkeenyaaf sun akka meetii qamadiin jijjiiruutii, waliigalteen sirrii tahuuf ulaagaa tokko qofa barbaada, innis wal harkaa fuudhachuun yeroo sanaatti ta'uudha, yoo kana hin taane dhala beellamaa taha.
  2. Eddoo sanatti yoo jedhamu: eddoo bittaa fi gurgurtaan itti raawwatame jechuu yoo ta'u, taa’aniis ta'ee deemsa irra jiraatanii ykn yaabbii irra yoo jiraatanis tokkuma. Yoo adda bahan jechuun aadatti waan namoota jiddutti adda bahiinsa jedhamee yaadamuudha.
  3. Dhoorgaan hadiisa keessatti ibsame akka daldalaattis ta'ee kan biroos ta'ee warqee fi meetii hunda of keessatti kan hammatuu dha.
  4. Maallaqa amma yeroo kanatti addunyaan itti fayyadamaa jirtu keessatti wahuma warqee fi meetii keessatti dirqma ta'uutu isa keessattis dirqama ta'a. Kana jechuun qarshii tokko gara qarshii biraatti jijjiiruu yoo barbaadde sun fakkeenyaf akka Riyaala Dirhamatti jijjiiruuti qaamonni lamaan yoo walii galan wal caalchisanii jijjiiruun ni hayyamama. Garuu bakka daldalli itti raawwatamutti wal harkaa fudhachuun dirqama. Akkas ta'uu baannaan walii galteen isaanii ni bada. Daldalli isaaniis daldala dhalaa kan haraama ta'e ta’a.
  5. Daladalli bifa dhalaatin raawwatamu hin hayyamamu, Qaamni lamaan yoo walii galan illee waliigaltichi seera qabeessaa miti. sababni isaas Namni dhuunfaa ykn hawaasni tokko haqa isaa osoo lash godhellee Islaamummaan haqa isaa tiksa waan ta'eef jecha.
  6. Warra dandeettii qabaniif badii irra dhoorguu fi irraa ittisuudha.
  7. Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin irraa haa jaallatu- godhe, badii yeroo balaaleffatan ragaa waan sanaa ibsuun barbaachisaa tahuudha.
dabaltii