+ -

عَنْ عَلِيٍّ رضي الله عنه قَالَ:
كُنْتُ رَجُلًا مَذَّاءً وَكُنْتُ أَسْتَحْيِي أَنْ أَسْأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لِمَكَانِ ابْنَتِهِ فَأَمَرْتُ الْمِقْدَادَ بْنَ الْأَسْوَدِ فَسَأَلَهُ فَقَالَ: «يَغْسِلُ ذَكَرَهُ وَيَتَوَضَّأُ». وَلِلبُخَاريِّ: فَقَالَ: «تَوَضَّأْ وَاغْسِلْ ذَكَرَكَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 303]
المزيــد ...

Aliyyi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama salaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”. ​

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 303]

Ibsaa

Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- yeroo baay’ee mazyiin akka isa irraa bahu hime -innis bishaan qal'aa mucucaataa kan yeroo fedhii saalaa ykn walqunnamtii saalaa dura qaama saalaa irraa bahuudha. Maal gochuu akka qabu hin beekne, Rasuulas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfate, Sababni isaas Abbaa manaa Faaximaa intala Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ta'eef jecha, ​ Kanaafuu Miqdaad bin Aswad irraa waa’ee sanaa akka Rasuula -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf gaafatu barbaade, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun deebisaniif: Qaama saalaa dhiqateeti eegasii wuduu'a godhata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aliyyii bin Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- saalfachuun nama birootinis ta'u gaaffii irraa kan isa hin dhoorgin ta'uun sadarkaa isaa muldhisaadha.
  2. Fatwaa gaafachuu keessatti nama biroo bakka buufachuun ni danda'amaadha.
  3. Yoo bu'aa wahiitif ta'e namni tokko ofii isaa irraa waan saalfii tokko nama birootti himuun ni danda'amaadha.
  4. Mazyiin (bishaan fedhii saalaatiin bahu) najisa ta'uu fi qaama fi uffata irraa isa dhiquun dirqama ta'uudha.
  5. Bahiinsi mazyii wantoota wuduu’a diigan keessaa isa tokkoodha.
  6. Hadiisa biraa keessatti waan dhufee jiruuf qaama saalaa fi killee (cidhaan) lameen dhiqachuun dirqama ta'uudha